Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana Murtii Muummichaa Kan Haaraa Filataman Dubartiin Gurraachi Jalqabaa Har’a White House-tti Haasaa Dhageessisuuf Jiru


Miseensonni Mana Maree Ameerikaa koree Blaak Kookes yeroo gaazexeesotatti haasahan, Ebla 7, 2022
Miseensonni Mana Maree Ameerikaa koree Blaak Kookes yeroo gaazexeesotatti haasahan, Ebla 7, 2022

Kan haaraa haadha murtii mana murtii muummicha Yunaayitid Isteetis ta’uun muudaman Ketaanii Biraawon Jaaksen muudama isaanii seena qabeessa ilaalchisuu dhaan jimaata har’aa White House irraa haasaa dhageesisuuf jiru. Prezidaant Joo Baayidenii fi itti aantuu prezidaant Kamaalaa Hariis isaan waliin ta’uu dhaan qooda ol aanaa Jaakesen mana murtichaa keessatti qabaatan yaada leellisu kennuuf jiru.

Senetiin Yunaayitid Isteetis kamisa kaleessaa saglee 53-47n Jakseniin gilachuu dhaan dubartii lammii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa jalqabaa mana murtii ol aanaa biyyattiif muudaman taasiseenii jira. Demokraatonni senetii keessaa sagalee walakkaa isaan qaban sagalee itti dabalaa kan Harris isaan barbaachisuu baatus,

Pirezdaant Joo Baayidenii fi Ketaanjii Kaaksen sirna sagalee kennuu yero hordofan, Waayit Hawus, aebla 7, 2022
Pirezdaant Joo Baayidenii fi Ketaanjii Kaaksen sirna sagalee kennuu yero hordofan, Waayit Hawus, aebla 7, 2022

Jaaksen filatamuuf senetii keessaa sagalee walakkaa kan qaban dimokraatoonni sagalee itti dabalaa kan Haris barbaaduu baatanis, Haris yeroo seena qabeessa kana itti siqeenyaan hordofaa turan.

Ripaablikaanonni sadii, Sudaan Koliins, Liissaa Murkowiskii fi Miit Raamnii kan waggaa 51 haadha murtii kanaaf sagalee kan kennan yoo ta’u, seenaa mana murtii muummicha keessatti nama gurraacha sadaffaa ta’aniiru.

Ji’a darbe koree mana murtii seeraa duratti yeroo arfaffaaf dhiyaachuun dhuga ba’umsa kennaniin, dimokraatonni muuxannoo gad fagoo Jaaksen qabaniif galateeffatanii jiran. Hoogganaa garee senetii ripaablikaanotaa kan ta’an Mitich McConnel kamisa kaleessaa mormii dhageessisaniin galmeen isaanii seeraa loogii dhaan guutuu dha jechuun qeeqn. Baayidenii fi dimokraatotaaf yeroo Jaaksen injifannoo kana gonfatan yeroo marsaa hojii rakkisaatti ture. Hoogganaan garee dimokraatotaa ka senetii Chak Suumer akka jedhanitti guyyaa gammachuu fi murteessaa dha jedhanii, kun dhaloota kana duraa keessatti ta’uu qaba ture jedhan. Tokkummaa mootummootaatti ambaasaadderi Yunaayitid Isteetis Linda Toomaas Giriinfiild, boonuutti natti dhaga’ama, miira koo tuqeera jechuun VOAtti himaniiru. Jaaksen dubartoota haadhotii murtii mana murticha ol aanaa keessaa Sotomayor, Kagan fi Amy Coney Barrett-tti dabalamuu dhaan yeroo jalqabaaf manni murtichaa dubartoonni afur wal faana akka keessa jiraatu taasisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG