Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manaajerii Chelsea Frank Lampard kilabii tana EPL keessaa sadarakaa 9essoo irratti lakkisee biraa deeme Thomas Tuchelitti irraa fuudha


Frank Lampard
Frank Lampard

Chelsea,the Blues bara 1905 keessa yayyabanii achii asi Ingiliizii fi addunyaatti qalbii warra kubbaa miilaa jaalatuu hedduu keessa jirti.

Chlesiin duruu dorgommii EPL matuma keessa jirti dorogmmii gugurdo 30 caala moote tana keessa jaha dorgommii liigiiti jaha amoo dorgommii Awurooppaati.

Taatullee kilabiin tun yarachuutti jirti. Yareenna dorgommii moo’uu isii dhowwe kana keessaa baasuuf bara 2019 keessaa namuma kilabii isii keessa taphatu Frank Lampard itti qaxaran.Lampard nama ganna 42ti kontoraata ganna sadiitii qaxaranii haga ammaatti ji’a 18 leenjise.

Gaafa huji tana itti kennan jalqaba bara 2019 keessa dorgommii FA Cup fi dorgommii akka akkaa matuma keessa jiraa woma hedduun Chelsea milkeessellee.

Taatullee tapha baranaa 8 keessaa 5 moohamte dorgommii gugurdoo 23 keessaa haga hedduun hin moo’amte.

Lampard,itti gaafatama Chelsea ka durii Maurizio Sarri, irraa fuudhe. Lampard irraa ammoo Thomas Tuchel fuudha.Tuchel, nama ganna 47ti taphataa kubbaa miilaa Jermenii fi manaajera Paris Saint-Germain.Dhuma 2020 irratti manaaje ummaa sun irraa fuudhan.

Eegii Chelsea Roman Abramovich bara 2003 keessa bitee asi Blues manaajera 13 qabaatte.

Abbaan Chelsea,Abrahmovich kilabii isaa tana jabeessuuf Jermen irraa Timo Werner kilabii RB Leipzig irraa £m47 fudhate duraan nama kana LIverpoolitti awadachaa bahe.

Kilabiin tun tana maleellee Kai Havertz Bayer Leverkusen firraa £m71 fudhatte isa qofaa miti taphaa kilabii Ingiliiz Ben Chilwell ammoo Leicester City irraa bitatte.

Nama goolii eeguuf ammoo Edouard Mendy ammoo Rennes irraa £m22m bitatte.Leenjisaa Biraazil Thiago Silva ammoo Paris St-Germain irraa ergifatte.

Chelsean manaajera haaraa fi miila haaressaa ufitti darte irraa waan hedduu eegatti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG