Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Mootummaa Magaalaa Mandiitti Uummata Faarfannaa Amantii Faarfataa Deemu Reeban, Ka Jedhame Aangawoonni Mootummaa Ni Haalan


Oromiyaa
Oromiyaa

Godinaa Wallagga Lixaa, aanaa Mana-sibuu, magaalaa Mandii keessatti – Konferensii Waldaa Kiristaanaa Mekaane Yasuus, ka Jimaata, Sanbataa fi Dilbata – Waldaa Daakkoo keessatti geggeessamee booda, uummatni faarfataa gara mana isaatti galaa ture – Humnoota Kora Bittimmessaa Oromiyaa fi Humnoota Mootummaa Federaalaan reebame – jedhu – jiraattonni magaala Mandii.

Bulchaan magaalaa fi waajirri poolisii magaalattii immoo ni haalan. Dilbata dabre kana, eega konferensichi eebbaan xumuramee booda, namoonni achii ba’an faarfataa gara waflakkeessa magaalaa Mandiitti dhufan. Achii booda, humni poolisii kora bittimmeessaa Oromiyaa fi humni waraana federaalaa konkolaataa lamaan dhufanii itti bobba’uudhaan uummaticha reebii jalqaban.

Achii booda immoo, uummatni magaalattii keessa jiru hedduun waan itti dabalameef, faarfannaan sun gara dhaadannoo fi mormiitti jijjiirame. Namoota hedduu tu reebame, garuu kan hidhame hin jiru.

Bulchaa magaalaa Mandii – Obbo Saamuel Sanbataa immoo, konferensii waldaa kiristaanaa geggeessame sanatti ofii isaanii illee akka hirmaataa turan dubbatanii, garuu “jeeqamni uumame tokko illee hin jiru. Humni mootummaa namoota faarfataa deeman irratti tarkaanfii fudhate hin jiru. Kun oduu dharaa waan ta’eef, Luba Waldaa Mekaane-yesuus Daakkoo sanatti illee bilbiltanii adda-bafachuu dandeessu” jedhan.

Itti-gaafatamaa Waajira Poolisii Magaalaa Mandii – Inspector Sandaabaa Fufaatattis bilbillee ennaa deebii kennan, uummata faarfataa magaalaa Mandii keessa deeme arguu isaanii dubbatanii, “garuu, humni mootummaa reebicha irratti raaw’ate” ka jedhame, oduu dharaa ti. Waan martinuu haala nagaatiin geggeessamaa ture. Geggeessota Waldicha Koonferensiin itti geggeessamee irraa adda-baachuu dandeessu” jedhan.

Akkuma Inspector Sandaabaanii fi Bulchaan magaalattii – Obbo Saamu’eel Sanbataa dedeebisanii nutti himanitti, Magaalaa Mandii, Bakka Koonferensichi itti geggeessame – Waldaa Warra Wangeelaa Mekaane-Yasuus Daakkootti Luba ka ta’an – Luba Solomoon Tasfaatti bilbilee, waa’ee konferensichaa fi rakkoo uumame – jedhamee ennaa nuuf ibsan, “Konferensiin guyyaa sadii nagaadhumaan geggeessamee xumurame.

Koonferensicha irratti yeroon isaa yeroo gaarii waan hin ta’iiniif, akka amantoonni karaa irra faarfataa hin deemne itti dubbadheen ture. Garuu, eega koonferesichi xumuramee booda, otuma ani waldaa keessa jiruu humni nageenyaa natti bilbilanii, ‘kunoo dargaggoonni jeeqaa jiru. Maal gochuu wayya?’ jedhanii na gaafatan,” jedhan.

Guutummaa qophii kanaa dhaggeeffadhaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:12 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG