Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manii murtii Suudan hojjattoota basaasa mootummaa isaa 29 bara pirz. Al-Bashiir keessa nama hiriira bahe ijjeesan jedhee du’aan adabe


Sudan politics court

Hojjattoota tana waan hedduun himatan;mana hidhaatti waan fedhan nama tolcha,ulee hamaamtuu dhaanan,mana hidhaatti uleen ijjeesanii fi waan hedduu.

Murtiin tun nama hedduu gammachiifte."Hojjattootii tun waan ufii argate," jedhee gammachuun karaatti baafate.

Warra hiriira kanaaf jedhanii mana hidhaatti fixan keessaa tokko Ahmed Al-Khair.Maatiin warra namii irraa du’ee namii akka Ahmed AL-Khair gammachuun ililche.

Akka manii murtii jedhetti obboleessa isaa al-Khair mana hidhaa keessatti poolisiin dhaantee ijjeefte.

Al-Khair Gurrandhalaa 2,2019 mana hidhaa keessatti eegii qabamee torbaan tokko keessatti ijjeesas.

Waldaa barsiisota Suudan keessaa namii akka Hind Awadassaid faatii warra ‘ashu baga du’a itti muran’ jedhu.

Namii Suudan du’a nama kanaatti dallanee hiriiraa karaatti baafatee achumaan mootummaa Oomar Al-Bashiir gara galfatee innilleen hidhaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG