Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manneen fooqii Beeruutitti gubatanii wal irratti dhabbamaniin nama 100 caalaatti dhumatee caaccaba jala nama hafe barbaaduutti jiran


Taesoon mootummaa lebanon Beeritti tokkaatee manneen hedduun wal irratti dhabbaman.Yoo manneen kun Kibxata wali irratti jigan aarii gurraacii ka’ee waaqatti ejja.Caaccaba sun jala nama barbaaduutti jiran.

Waan gubee barbadeesse ammatti tana jechuu baatanillee fooqiin Beeruti,Lebon Kibxata tokkaateen nama 100 olitit dhumatee akka gabaasa Fannoo Diimaatti nama 4, 000 caalaatti madaahe.

Akka bulchooti jedhanitit ammoo nama hedduutti miidhamee caaccaba manneenii jala barbaaduutti jiran.

Waan fooqilee gugurdoo Beeruti gubee tokkaasee wal irratti jisse beekuu baatainillee akka bulchootii jedhanitit kuusaa asiidii ammoniuma nitrate ganna jaha caalaa acjitti kuusan tahuu hin oolu.

Balaan kun aara waaqatti dhaabee,manneen biraalleen caaccasee makiinaallee gara gaggalche.Hospitaalii guutamee nama haga tokko wal irraa galchan.

Embaasiin U.S. Beeruti jiru gaazii ibidda sun keessaa baatuuf jedhanii akka namuu manuma taa’u gaafate.

Bulchootii biyya sunii akka abbaa balleessaa qabu qorachuutti jiran.Muummeen minsitera isaanii Hassan Diab ammoo “warrii balleessaa qabu waan ufii hin argata,” jedhe.

Pirezidaantiin Lebanon Michel Aoun ariitiin kaabinee isaa kora yaamee warra balleessaa qabu akka malee adabuuf waadaa gale.

“Asiidii ammonium nitrate toonii 2750 taatu balaa isiin qabdu adoo beekanuu ganna 6 achitti kuusanii ilmee namaa balaa irra buusuun waan tahuu hin qamne,” jedhe.

Lebon nama irraa dhumatef gadda tahuutti jirtii addunyaaleen jajjabeessuutit jirti.Faransaay akka pirezidaantiin isaanii Emmanuel Macron jedhetti qorsa toonii hedduutiif akimii erguufiitti jirti.

Yaadawwan Ilaali (5)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG