Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Bajata Dhiyaate Raggaasisuuf Sagalee Ripaaboikaanotaa Ga’aa Argate


Faayilii- Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataa kan Yunaayitid Isteetis Maayk Joonson Gudaandhala 25, 2025.
Faayilii- Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataa kan Yunaayitid Isteetis Maayk Joonson Gudaandhala 25, 2025.

Af-yaa’iin mana maree Yunaayitid Isteetis Maayik Joonsen murtee bajataa raggaasisuuf sagalee gahaa, 217-215, argatanii jiran. Kunis carraaqqii Rippabilikaanotaa dilaala dureeyyiif hanqisuu fi baasii hir’isuuf taasisan kan Dimookiraatonni “of eeggannoon kan itti hanqate” jedhan fuula duratti tarkaanfachiisaniiru.

“Hojii cimaa hedduu nu dura jira, garuu ajandaa Ameerikaa haa dursitu jedhu geessuuf jirra, jechuun Joonsen ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.” Hanga tokko qofaa utuu hin taane hunda isaa geggeessuuf jirra, kunis adeemsa sana keessatti tarkaanfii jalqabaati” jedhan.

Joonsen fi hoggantoonni mana maree Rippabilikaantaan biroo ibsa kennaniin galmi isaanii wixinee seeraa “kan daangaa keenya eegu, maatii fi namoota hojii uumaniif dilaalli akka xiqqaatu taasisu, ol’aantummaa anniisaa Ameerikaa bakkatti deebisu, ejjennoo Ameerikaan waltajjii addunyaa irratti qabdu cimsu, akkasumas mootummaan lammiilee Ameerikaa hundaaf akka bu’a qabeessa ta’etti akka hojjetu taasisu dha” jedhan.

Hogganaan paartii Dimookiraatotaa kan mana maree Hakeem Jefriis akka jedhanitti, Rippabilikaanonni sagantaalee kanneen akka faayidaa loltoota duriif kennan, gargaarsa nyaataa, fi kunuunsa fayyaa namoota galii gadi aanaa qabaniif jiru addaan kutuuf hojjechaa jiru.

Baajatni Rippabilikaanotaa of eeggannoo itti hanqatu kun, dureeyyii, qabeenya qabaniifi walitti dhufeenya gaarii qabaniif dilaala hanga doolaara tiriliyoona 4.5 ni hir’isa, sana booda lammiilee Ameerikaa gita hojii, lammiilee Ameerikaa gita giddu galeessaa fi lammiilee Ameerikaa hojjetee jiraatuu fi galiu gddy gakeessaa qabu kanaaf akka kaffaltu taasise jechuu hdaan Jefriis gaazixeessotaaf himaniiru.

Prezidaant Doonaald Tiraamp seera tumtoonni seera guddaa, bareedaa ta’e tokko jandaa imaammata biyya keessaa isaanii tumachuuf qaama ijoo ta'u akka raggaasisan gaafataniiru.

Tiraamp baajata kana kan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa filachuu isaanii ibsanis, Seeneetiin murtii maallaqaa Jimaata darbe kan maallaqa waraanaa doolaara biiliyoona 150 fi nageenya daangaaf doolaara biiliyoona 175 kennu raggaasiseera. Tarkaanfiin sunis kan manni maree kunuunsa eegumsa fayyaa kan maatii galii gad aanaa qabanii fi kan falmisiisaa ta’u kutuu isa jedhu hambisa.

Bakka bu’aan paartii Rippabilikaan Tooni Gonzales garee Rippabilikaanota mana maree torba of keessaa qabu kan isaan kan sagantaa eegumsa fayyaa ‘Medicaid’, maallaqa gargaarsa nyaataa fi sagantaalee toora nageenya hawaasummaa biroo irratti hir’ini akka hin jiraanne akeekkachiisan hoogganu.

Hoogganaan garee Senetii sagalee gad aanaa qabu hoogganan Chaak Shuumer sagaleen kan itti kenname bajati kun namoota sagalee kennan miidhuuf sadarkaa isa duraa ti jedhan.

Forum

XS
SM
MD
LG