Manni maree bakka bu’oota uummataa Kibxata har’aa jechuun Sadaasa 17 bara 2017 wal ga’ii idilee 6ffaa geggeesse irratti ministeera itti waamamaa mootummaa Tesfaayee Beljigeen bajata mootummaa itti dabalaaf gaaffiin dhiyaatee jira. Bajata qarshii biliyoona 582 keessaa biliyoonni 185 liqaa baasuuf, biliyoonni 208 immoo gumaacha hawaasaa, biliyonni jaatamni immoo sagantaa seeftineetii hawaasaa babal’isuuf kan oolu yoo ta’u biliyoonni 10 maallaqa ijaarsaa fi biliyoonni 119 immoo baasii kana dura ba’ee ture sirreessuuf kan oolu ta’uu obbo Tesfaayeen ibsaniiru.
Bajata itti dabalaaf maallaqa barbaachisu keessaa biliyoonni 281.5 dilaala irraa kan argamu ta’uu isaaf kan hafe immoo gargaarsa biyyootii alaan irraa kan argamu ta’uu ibsanii jiran. Ibsa ministeera itti waamamaa kennan hordofee miseensonni mana maree bakka bu’ootaa hammi bajataa kun, qaala’iinsa jireenya jireenyaa irratti dhiibbaa inni qabaatu, projektii ijaarsaaf bajata qabameef kanneen biroo irratti gaaffii dhiyeessaniiru.
Ustaaz Kamiil Shemsuu miseensi jedhaman, kana dura bajata qarshii Tiriliyoona tokkotti hedamu erga raggaasisnee booda walakaa isaatii ol dabaluun haala dinagdee ilaalchisee akkaan kan ol ka’e mitii? Kun akkatmiin fooyyeffama jedhamuu danda’a jedhan. Ministrichi maallaqaa Ahimed Shidee deebii kennaniin bajatichi itti dabalaa innumaa iyyuu dandeettii biyyattii waliin ennaa ilaalamu kan hanqatu ta’uu ibsaniiru. Biyya uummata miliyoona 120ti jedhan. Oomishi biyya keessaa kan walii galaa qarshii biliyoona 200 ga’ee jira. haala Kanaan bajatini keenya achi hin ga’in jira. kana caalaa guddachuu qaba jedhan. Gabaan keenya ennaa fooyya’aa dhufu immoo bajati nuti wagga dhuftu dhiyeessinu kana irra caala jechuun itti dabaluun dubbastaniiru.
Qaala’iinsa jireenyaa hammeessa jechun miseensonni gaafatani illee turan. Ministeerichi maallaqaa deebii kennaniin, maddi bajata kanaa fi kana keessaas baasii jiruuf akka fooyyeffamaatti qabamee kan jiru kaasuu dhaan, bajati itti dabalaa qaala’iinsa jireenya akan xiqqeessu malee kan hammeessu akka hin taane ibsaniiru. Baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqa addunyaa irraa bifa liqaa fi gargaarsaan qarshiin biliyoonni 300 ol deggersi argamuu isaa, kan hafe immoo dilaalaan kan argamuu ta’uu isaaf akkasumas bajaticha itti dabalaa keessaa qarshiin biliyoonni 119 liqaa baankii biyyoolessaa biraa argamuun irraa ta’uun kan irra ture, hanqinni bajataa akka ittiiin guutamu waan ta’eef qaala’iinsa jireenyaa kan ittisu ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan kana dura qabee kan ture bajata qarshii biliyoona 971.2 keessaa biliyoonni biliyoonni 358.5 hanqina bajataa hin qulqullaa’in jiru jiraachuun isaa beekamaa dha. Marii sanatti aansee bajati mootummaa federaalaa itti dabalaa diyaate sagalee mormii 3 fi kan sagalee hin kennin hafan shaniin sagalee irra jireessaan raggaasisameera jechuun Keenedii Abaatee gabaaseera.
Forum