WASHINGTON, DC —
Manni-maree Naga-eegumsaa, ka Tokkummaa Mootummootaa, mata duree “Nageenyaa fi Sabatiinsa” jedhuun kaleessa marii geggeessee jira. Mariin dhimmoota ijoo itti fuuleffate keessaa tokko
rakkoo yeroo ammaa Kaaba itiyoophiyaa keessa jiru. Biyyottan miseensota mana mariichaa ta’an yaadaa muummichi-barreessaan Tokkummaa Mootummootaa - Antoniyoo Gutereez dhiheessan irratii marii taasisanii, nageenyaa buusudhaaf gareeleen hundinuu waan gochuu qabu, jedhan yaada kennanii jiran.
Tokkummaa Mootummootaatti bakka bu’aa itiyoophiyaa kan ta’n Ambasadar Taayyee AtsiqeSillaasees ejjannoo Itiyoophiyaan qabdu walagahicha irratti dhiheesanii jiran.