Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Yakka Waraanaa Idil Addunyaa Netaaniyaahuu, Galaant fi Hoogganaa Hamaas Irratti Ajaja Hidhaa Murtesse


 Ministira Muummee Israa’eel Beenjaamiin Neetaanyaahuu fi Ministira Humna Waraanaa Israa’eel Duraanii Yoo’aav Galaanti, Israa'el, Onk. 31, 2024.
Ministira Muummee Israa’eel Beenjaamiin Neetaanyaahuu fi Ministira Humna Waraanaa Israa’eel Duraanii Yoo’aav Galaanti, Israa'el, Onk. 31, 2024.

Manni murtii yakkaa Idil Addunyaa Kamisa har’aa Ajaja hidhaa ministira muummee Israa’eel, Ministira humna waraanaa Israa’eel duranii fi hoogganaa Hamaas irratti baaseera.

Manni Murtii yakkaa Idil Addunyaa Kamisa har’aa Ministira muummee Israa’eel Beenjaamiin Neetaanyaahuu, ministira humna waraanaa Israa’eel duraanii Yoo’aav Galaanti, akkasumas hoogganaa Hamaas Ibraahiim Al-Masir yakkoota waraanaa fi yakkoota sarbama mirga namoomaa raawwataniif ajaja hidhaa irratti baaseera. Kunis kan dhufe Caamsaa 20, darbetti Abbaan alangaa Mana murtii yakkaa idil Addunyaa Karim Kihaan onkloolessa 7, bara 2023 gareen hamaas haleellaa Israa’eel irratti fudhatee fi sana hordofee tarkaanfii humni waraanaa Israa’eel Gaazaa keessatti fudhateen yakkoota raawwatamaniif ajajni hidhaa akka baafamuuf gaafchuu hordofeeti.

Ajajicha yommuu baasu manni murtii yakkaa Idil Addunyaa Israa’eel angoo mana murtichaa fudhachuun hin barbaachisu jedheera. Kunis kana dura Israa’eel aangoo manni murtii yakkaa idil addunyaa Inni ze heeg jiru qabu kufaa taasisuu fi yakka waraanaa raawwachuu ishees haaltee ture. Kan amma manni murticha ajaja hidhaa irratti baase hoogganaa garee Hamaas Al- Masiriin isa Mohaammad Deeyif jedhamuun beekamu haleellaa humna qilleensarraan ajjeeseera jetteei , gama Hamaasirraan garuu du’uu fi dhiisuu isaarratti waanti mirkaneesseeru hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG