Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti mannii maree nageenyaa weerara Raashaan Yukireen irratti taasifteen walqabatee dhimmaa siviilotaa ajjefamanii irratti guyyaa har’aa maryachaa jira.
Walgahii har’aa irraatti barreesaan muummee dhaabbatichaa Antoniyoo Guterees, itti gaafatamaan dhimmaa gargaarsa namoomaa Maartiin Girrift kan hirmaatan yoo ta’u prezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiis akka dubbatan gabaasameera.
Mannii maree nageenyaa qibxataa har’aa dhimmaa walwaraansaa Raashaa fi yukreen Irratti yemmuu marii taasisaa jiru kanatii prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Bayiden , Prezidaantiin Raashaa Viladimiir Putiin yakka waraanaatiin akka himataman waamicha dhiheesaniitu.
Dubbii himaan minsteeraa dhimmaa alaa Yunaayitid Isteetes Niid Praayis Ajeechaa bakkaa Buuchaa jedhamu irratti raawwatameeraa jedhamee ilaalchisee ibsa kennaniin , gochichii dogoggora loltuutiin kan raawatamee ittuu hin ta’in, qaamaa duulaa isa baldhinaan taasifaa jiruuti jedhanii, warreen gochichaa raawwatan itti gaafatamumaatti dhihaachuu akka qaban gaafachuun isaanii gabaasameera.
Karaa bitaatiin Raashaan akka miseensummaa maree mirgaa namoomaa dhaabbataa mootumootaa gamtoomani keessa baatu Yunaayitid Isteets gaafachaa jiraachuun ishee gabaasameera.
Koree mirgaa namoomaa dhaabbata mootummootaa keessatti Hirmaannaan Raashaan waan leeyyaasisaadhaa kan jedhan dhabbataa mootummoota gamtoomaniitti Ambaasadarii Yunaayitid Isteets Liindaa Toomaas Griin fiild yaa’iin walii galaa dhaabbatichaa yeroon Raashaa koree mirga namoomaa keessaa baasuu qabu amma jechuudhaan biyyi isaanii akka amantu dubbataniiru. Ambaasadar liindaa Toomaas haleellaa umnootin waraanaa Raashaa raawwataniiru jedhameen Magaala Buuchaa keessatii ajeechaa sivilotaa irratti raawwate akka fakkiitti dhiheesaniiru.
Raashaa miseensummaa koree mirga namoonaa keessaa baasudhaaf meseensota 193 keessaa harkii sadii ol sagalee isaanii kennuu qabu.