Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqaa Daldalaan Dararaan Dhaqqabu Dhaabachuu Qaba.Prezidaant Traamp


Awuroopaa fi Kaanaadaa dabalatee michoota daldalaa qaban irratti prezidaant Traamp har’a gama Twitariin qeeqa dabalataa barreessanii jiru.Amerikaan ammaan booda dararaa gama daldalaan gaggeeffamu callistee hin ilaaltu jedhan Traamp.

Daldala kan ilaaleen waahilonni keenyas ta’e dinoonni keenya kam iyyu nu irratti bu’aa ofiif akka eeggatan hin feenu jedhan.Traamp Dhaamsa isaanii kana itti fufiinsaan kan dhiyeessaa jiran yoo ta’u waraana NATOf baasii ba’u haala guutummaan jechuu dandeesisuun Amerikaatu kennaa jira jedhan.

Biyyonni biraa daldala irratti Amerikaa irraa bu’aa argataa jiran baasii NATOf barbaachisu keessaa xiqqoo baasu jechuun kolfan.

Ituu qonnaan bulaa fi hojjattonni keenya dilaala guddaa baasaa jiranii isaan kaan bu’aa nu irraa argachuun sirrii miti jedhu Traamp.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG