Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Araaraa Sudaan Kibbaa Kamisa Dhufu Finfinneetti Geggeessamuufi


Suuraa Faayilii
Suuraa Faayilii

Ka yeroo dheeraaf lafa irra harkifamaa ture mariin araaraa Sudaan Kibbaa, Kamisa dhufu Finfinneetti geggeessamuuf jira. Akka xiinxaltoonni jedhanitti yoo hoogganoonni biyyoota Afrikaa Bahaa akka gareeleen Sudaan Kibbaa wal-waraanaan yaada itti geggogan haga tokko akka laaffisan dhiibbaa hin goone, mariin dippiloomaasii kun milkaa’uu hin danda’u.

Tokkummaa Mootummootaatti, Gurmuu ergama dhimma Sudaan Kibbaa kan hoogganan – Devid Sheriir akka jeedhanitti, walii-galteen sun milkaa’uuf dhimmoonni ijoon furmaata argachuu qaban lama, tokko gama naga-eegumsaatiin, yoo gareeleen kun walitti-dhufan caasaan waraana biyyattii maal fakkaachuu qaba? isa jedhuu fi inni lammataa immoo, waa’ee Heeraa fi Bulchiinsaa ti. Akkamitti deemamee gara Filannoon gahama, akkamittis geggeessama? ka jedhu, jedhan.

Mariin kun yeroo dheeraaf danqamee lafa irra harkisamaa ture. Mormitoonni akka Prezidaant Salvaa Kiir taayitaa gad-lakkisu gaafataa jiran. Mootummaan Kiir immoo, akka gara Filannootti dhiibbaa gochaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG