Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Hidha Laga Abbayyaa Sadarkaa Maalii Irra Jira?


Laga Abbayaa Masrii keessatti
Laga Abbayaa Masrii keessatti

Hidha laga Abbayyaa kan ilaaleen marii biyyoota sadeen jechuun Iyoophiyaa, Masrii fi Sudaan Wiixata darbee jalqaban keessaa Masriin ba'uuf murteessuun ishee dhaabbati oduu Rooytars gabaasee jira.

Koreen Teeknikaa kan biyyoota sadeenii immoo har'a mariif taa'ee akka ture ibsameeture.

Masriin gara tarkaanfii kanaatti kan dhuftee lagichii attamitti guutamuu akka qabu kan ilaaleen qajeelfama Itiyoophiyaan dhiyeessiteen ta'u gabaasee jira.

Masriin akka jettuutti waan Itiyoophiyaan dhiyeessitee kun attamitti hojii irra ooluu akka danda'uu qajeelfama agarsisuu akkasumas falmii jiru seeraan attamitti furamuu akka qabuu waan agarsisuu of-keessaa hin qabu jechuu Masrii Roytars gabaasee jira.

Kanaafis yaada dhiyaate kana Masriin ilaaltee irratti mari'achuuf walgahiicha addaan kutte jedha gabaasnii Rooytars.

Gama biraan yaadii Itiyoophiyaan dhiyeessite kun marii gaggeefamuu irratti sodaa haaraa uumee jechuun Sudaan dubbachuu ishee Rotars gabaaseera jechuun Mallaskaachoo Ammahaa Gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG