Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Isra'eel fi Faalasxiin kan Marsaa Lammataa Mallattoo Gaarii Agarsiise.


Prezidaant Mohammud Abbaas nagaa buusuuf mari’achuu malee filannoo biraan hin jiru jedhu.

Ministrittiin dantaa alaa Yunaayitied Isteets Hilarii Kilinten Moticha Joordan Abdullaa fi prezidaantii Faalasxiinotaa Mohaammud Abbaas wajjin erga wal ga’anii booda imala isaanii Giddugaleessa Bahaa xumuraanii jiran.

Guyyoota lamaaf Israel fi Faalisxiin gidduutti mariin geggeessame sun hagam akka fooyyaa'ina argamsiise ibsi kenname hin jiru. Garuu, President Abbaas yeroo Mrs. Kilinten wajjiin walga'an sana yaada dhiheessan irraa mallattoo gaariin jiraachuun hubatameera. Tattaaffii nageenyaaf ta’u itti fufuu malee filmaanni ka biroon hin jiru jedhan, Hoogganaan Falasxiin kun. Bulchiinsi Obama marii araaraa kana jaarsummaan hoogganuuf cicha inni qabu illee galateeffataniiru.

Mrs. Kilintenis gama isaaniin hanga walii-galtee irra ga’amutti Yunaayitid carraaqqii kana akka itti fuftu mirkaneessan.

Mariin sun Kibxata darbe magaalaa bashannanaa biyya Masrii ka taate Sharm el Sheikh keessatti jalqabame. Danqama baatilee digdamaa tii booda booda mariin hoogganoota Israa'elii fi Falastiinotaa gidduutti kallattiin geggeessame kun ka marsaa lammataa tahuu isaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG