Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Nageenyaa TPLF fi Mootummaa Itiyoophiyaa Gidduu Danqaan Isa Mudate Maali?


FAAYILII - Konkolaataa miseensota waraana Itoophiyaa fe'ee deemaa jiru, Abi Adii, Tigraay, Caamsaa 11, 2021.
FAAYILII - Konkolaataa miseensota waraana Itoophiyaa fe'ee deemaa jiru, Abi Adii, Tigraay, Caamsaa 11, 2021.

Mootummaan Itiyoophiyaa fi TPLF walitti bu'iinsa Adoolessa bara 2020 keessa ka'e dhaabuuf marii nagaa gaggeessuuf qophaa'aa jiru.Magaalaa Abalaatti, walitti bu'iinsa kanaan miidhaa hamaa kanneen irra gahe, milishoonni fi namoonni naannoo sanaa qophii ta'uu dubbatu. Hogganaan milishaa naannoo kan TPLFn fincilan Faras Lealiin gaaga'ama waraana kanaan gahe guddaa dha jedhu.

Namoonni amma waraana osoo hin taane, beela sodaatu jedhan.

Wal waraansa tyoophiyaan ji’oota 21f gaggeessaa jirtu akka dhaabbatu mari’achuuf qophii ta’uu gam-lachuu qophii ta’uu fedhii agarsiisaniiru. Ji’a Waxabajjii keessa mootummaan Itiyoophiyaa koree marii geggeessu dhaabuu ibseera. TPLFs akkasuma gochaa akka jiru ibse.

Fessahaa Asgedoom Tasammaa dubbi himaa TPLF yoo ta’an, VOAf akka himanitti kana booda mariin sun ni geggeessama abdii jedhu hin qabu jedhan.

“Har’a akkas jechuu hin danda’u sababiin isaas yeroo sanatti, tajaajilli bu’uuraa, daqiiqaa kamiyyuu amma jalqabuuf akka jiru namoota mariisiisan, kan akka Ameerikaa, Gamtaa Afrikaa, hunda isaaniitiin, nutti himamee ture. Guyyaa osoo hin taane, sa'aatii lakkaa'aa turre, sochiin tokko tokko akka jiraatu. Amma, mootummaan Finfinnee jiru mormuuf ka murteesse fakkaata” jedhan.

Garee walitti bu’iinsa addunyaa qoratuuf xiinxalaa kan ta’an William Davison akka jedhanitti hoogganni Tigraay ykn uummatichi humna sana dhabamsiisuu dhiisii, xiqqeessuu iyyuu fudhachuuf fedhii qabaachuun isaa ifa miti. Mootummaanis Tigraay qaama federeshinichaa ta’ee guutummaan hojjechuu isaa fhudhachuu fi dhiisuun ifaa miti jedhan.

TPLF Itiyoophiyaa irraa adda bahee mootummaa walabaa ijaaruuf yaaluu akka danda’u malattoo agarsiisee jira. Mootummaan Itiyoopiyaa gaaffii fi deebii geggeessuuf yaada dhiyaateef deebii hin kennine jedha gabaasi Henrii Wiilkins.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG