Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marsaabeet Keessatti Hokkarri Ka’e Lubbuu Nama Shanii Galaafate 


Angawoonni Keniyaa naannoo Itiyoophiyaa waliin wal daangeessitu konyaa Marsabeetitti polisootaa fi humnootii nageenyaa kuma hedduu erganii jiru. Kunis hokkarri gosaa ka’e yoo xiqqaate lubbuu nama 5 eega galaafatee booda.

Konya sana keessatti baatii tokkoof kan turu labsii sochii galgalaa hanga barii lafaatti ta’u ugguuru kan labsan ta’u, Bruno Shioso is a Kenya police spokesperson. Dubbii himaan polisii Keniyaa Burno Shioso beeksisanii jiru,

Iddoon kun loon seeraan ala ooffatanii deemuu fi meeshaa waraanaa Itiyoophiyaa irraa dhufe seeraan ala itti dabarsan ta’uun beekama jedhameera.

Angawoonni Keniyaa akka jedhanti, gostii gurguddaan lama kan konyaa kana keessa jiran, kan loon horsiisuun jiraatan qabeenya uumaaa irratti wal waraanu.Gareen lameenuu meeshaa waraanaa seeraan ala Itiyoophiyaa irraa seenu argatu .

Hayyuu waa’ee nageenyaa kan ta’an Joorj Msamaalii akka jedhanti, naannaa daangaa Itiyoophiyaa irratti walitti bu’iinsa uumamuutu, Marsaabeet keessatti jeeqamsa uuma. Sababiin isaas daangaa eegumsa hin qabnee fi akka namoonni meehsaa waraanaa seeraan ala akka argatan taasisuutu jira kedhanii

Kan yaadachuu qabnu, hawaasa maatii daangaa gamasii fi gamanaa qabantu jira.Daangaan Itiyoophiyaa waliin jiru banaa qaba.Namoota keniyaa keessaa fira qaban cina goranii gosa kan biraa waraanu.Akka salphaatti gara Keniyaattis ta’e Itiyoophiyaatti meeshaa waraanaa seensisuu danda’u.

Baatilee dhiyeenya kana keessa jedhu aangawoonni qabeenya uumamaa to’achuuf qabsii siyaasaa gaggeeffamuun namoota kudhanii ooltu ajjeefame.

Ministeerrii haajaa biyya keessaa kan Keniyaa Fred Matiang’ii akka jedhanti, sochiin nageenya aeegsisuu kan Marsabeet keessatti gaggeeffamuu kun, dheerachuu mala. Sababaan isaa meeshaan seeraa ala kutaa sana seenan funaanamuu qabu jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG