Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masriin Hoggantoonni Biyyoota Arabaa Karoora Waa'ee Gaazaa Kan Tiraamp Dhiheessan Irraa Faallaa Waan Tahe Raggaasisan Jette


Faayilii- Gumii Biyyootii Arabaa Kaayirootti Geggeessame Bitootesssa 4, Bara 2025
Faayilii- Gumii Biyyootii Arabaa Kaayirootti Geggeessame Bitootesssa 4, Bara 2025

Hooggantoonni Arabaa doolaara biliyoona 53 kan fixuu fi Faalisxiinonni qabiyyee isaanii keessaa akka hin buqqaane kan taasisu karoora deebisanii ijaaruu Masriin Gaazaaaf dhiyeessite Kibxata kaleessaa raggaasisaniiru. Kunis pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp naannichaaf qaban faallaa dha.

Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattaah El Sisii yaadi kun fudhatama arachuu isaa kan dubbatan Kaayirootti kan geggeessame xumura gumii hoogganootaa irratti haasaa dhageesisanii ture.

Wal ga’iin Masriin qophaa’e kun kan Amiirii Qaataar, itti aanaa pirezidaantii Tokkummaa Emireetota Arabaa fi ministeera dhimma alaa Saaudii Arabiyaa irratti hirmaatan ture.

Karoorri Masrii kun yaada Tiraamp baatii Amajjii keessa dhiyeessan kan Falasxiinota Gaazaan alatti sochoosuuf yaada dhiheessaniif kan deebii kennuu dha. Karoorri Masrii jiraattonni Gaazaa, yeroo hojiin naannicha qulqulleessuu fi dhukaatota bakkicha irraa qulleessuun hojjetamu Gaazaa keessa naannoo addaa torba keessa qubsuma yeroof ta’u keessa turuu qabu jedha.

Masrii fi biyyoonni Arabaa hedduun karoora Tiraamp kan Gaazaaa bakka bashannanaa fi jireenyaa taasisuuf yeroo hojiin deebisanii ijaaruu geggeessamu Falasxiinota Gaazaa keessaa baasuuf qaban irratti walii hin galan.

Walgahii kana irratti Siisiin Tiraamp Gaazaa deebisanii ijaaruuf gargaaruuf carraaqqii taasisaniif galateeffataniiru. Karoorri Masrii qaama bulchiinsaa yeroofii kan naannoo sana bulchu kan of keessatti hammate ta’uu ibsaniiru.

Masriin humni poolisii Falasxiin haaraan leenji’ee waan barbadaa’e deebisee ijaaruuf maallaqni ennaa walitti qabamu, gareen ogeeyyii yeroo muraasaaf Gaazaa akka geggeessan yaada dhiheessitee jirti. Siisiin ji’a dhufu Masriin konfiraansii deeggarsa walitti qabuuf karoorsame akka qopheessitu eeraniiru

Kan Yunaayitid Isteetis dhaabba shororkeessummaa gochuun moggaafte Hamas , yaada kana kan deeggaru yoo ta’u, Israa’el ammoo qeeqxee jirti. Ministriin dhimma alaa Israa’el, wixineen gumicha Arabaa irratti dhiyaate

Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el yaadni yaa’ii Arabaa kun haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, bara 2023 raawwatee fi kan waraana sana kakaase hordofee haala qabatamaa jiru “dhiyeessuu hin dandeenye” jedhee jira.

Prezidaantiin Faalisxiin yaada Masriin dhiyeessite simatanii, Tiramp karoora Faalisxiinota qe’ee isaanii irraa hin buqqaasne akka simatan waamicha dabarsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG