Meekisikoo keessatti gaazexeessota lama torban kana ajjeefaman dabalatee Wagga tokko gidduutti gaazexeessitoonni ajjeefaman 11 gahuu isaanii haanga’onni biyyatti ibsaniiruu.
Waajjirii aboottan alangaa kutaa biyyatti Veeraakruuz akka fuulaa Tiwuutarii isaa irraatti ibsetti, ajeechaan tibbanaa gabaasituu tokkoo fi daarekteeraa tokkoo irratti raawwatame qorachaa jiraa.
Dubartoonni lamman ajeefaman kun dhaabbata oduu karaa marsaariitiin gabaasuuf hoojjatan, Yeseeniyaa Mooloonedo Faalkoonii fi Shee’ilaa Joohaan Gaarsiyaa Oliveeraa sababinii du’a isaanii gaazexeessitootaa waan ta’aniif qofaa akka ta’ee kan ibsee waajira abba alangaa Veeraakiruuz irraa Veerooniikaa Hernaandeez warren tarkaanfii ajjechaa kana fudhatan faanaa bu’uudhaan akka seeraatti dhiheesan ibsuun isaanii gabaasameera.