Xurree ittiin seenan

Breaking News

Meeshaalee Wal’ansa Fayyaa Geessaa Jirra: Koree Fannoo Dimaa 


FAAYILII - Konkolaataa Koree Fannoo Dimaa dimaa
FAAYILII - Konkolaataa Koree Fannoo Dimaa dimaa

Koreen fannoo dimaa kan addunyaa (ICRC) meeshaalee wal’ansa fayyaa akkaan barbaachisoo ta’an, gara Tigraayii fi naannoolee ollaa ta’aniif geessuu kan itti fufuu ta’u beeksisee jira.

Jila garee kanaa Itiyoophiyaa keessa jiruuf dubbii himtuu kan ta’an Faaxumaa Sator Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti, kan akkaan barbaachisan meeshaalee wal’ansa fayyaaf marsaan lammataa kaleessa Maqalee dhaqqabee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa irra deddeebi’uun akka beeksiseetti michoonni keenya gargaarsa dhala namaa Tigraay akka dhaqqabsiisan gochuuf geejiiba balaliinis ta’een konkolaataan gargaaraa jira.

Gama kaaniin mootummaan Itiyoophiyaa akka jedhutti Sameraa- Abaalaa fi Maqalee daandiin wal agarsiisuu kan gargaarsa dhaqqabsisuuf gargaaru tokkittii sana yeroo ammaa marsaa lammataaf Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) Afaar keeessatti weerara gaggeessaa jiruun cufameera jedha.

Faaxumaan gama isaanii akka jedhanti waan lubbuu anamaa oolchuuf gargaaran samii irraan gara Tigraay dhaqqabsisuu itti fuufna jedhanii kunis aangawoota Itiyoophiyaa biraa deggersa taasifamuun ta’u i

bsan.

Gargaarsii wal fakkaataan bulchiinsa naannoo Afaarii fi Amaaraa keessattis kennamaa akka jiru ibsameera jechuun Addis Chekkool gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG