Xurree ittiin seenan

Breaking News

Meeshaaleen Lammiiwwan Ameerikaa Itti Fayyadaman Kalaqxoota Gurraachotaan Oomishaman


Meeshaalee Guraachotaan kalaqaman keessaa
Meeshaalee Guraachotaan kalaqaman keessaa

Ibsaa traafikii karaa irraa halluu sadii qabu, konkolaattota meeshaa qabbaneessu of keessaa qaban, balbala liiftii atomaatikii ta’an, computertoota foddaan isaanii halluu adda addaa qabu, meeshaa huccuu irratti tokkosatan/ho’aan sirreeffatan/kan jabanaa, baankii dhiiga keessatti kuusan, wal’aansa ijaa kan dhukkuba caratacts jedhamuu, caasaa meeshaa mana ofii eeguuf grgaaru ykn home security system ka jedhamu. Intalashee ijoolleen ittiiin taphattu kan bishaan biifu qabee meeshaalee hedduu har’a lammiiwwan Ameericaa guyyaa guyyaan itti gargaraman dubartootaa fi dhiirota gurraachota lammii Ameerikaan qalaqamann.

Fayyadaman Kalaqxoota Gurraachotaan Oomishaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:44 0:00

Kanneen kalqaqan kun hojii isaaniin beekkannaa yoo argatan, hedduun namoonni adii hin ta’in bbeekkannaa hin arganne. Kaan immoo seenaa dhuma jalaa iyyuu dhokataniiru.

Kalaqxoonni gurraachotaa yeroo isaan itti Alexander Grham Bell, Thomas Edison waliin Yeroo itti dorgomantu ture. Akkuma isaanii kalaqi isaanii gaarii fi jijjiirama kan fidu ture. Garuu deggersa maallaqaa argachuu hin dandeenye jedhu hojii uumuu irratti kan bobba’anii fi kutaa South Carolinatti kan argamu waaltaa hojii uumuu Yuniversitii Clemsoniif itti aanaa prezidentii kan ta’an Shontaviyaa Johanson.

Kanneen waa kalqan deggeruuf caasaa Yunaayitid Isteetis diriirsite adda addaa argachuu hin dandeenye jedhan.

Toomaas edisen ampuulii uumuu isaatu himamaaf. Garuu ampuuliinkun dafee akka hin duuneef umurii isaa shiboo dheeressu kan kalaqe ilma garbicha duraanii Lewis Latimer turan. Latimer kalaqa isaaniif eeyama abbummaa kan argatan bara 1882 keessa ture. Kana egaa gurraachonni waa kalaqan hedduun isaan dura turan kana gochuu hin dandeenye.

Gurraachonni garbummaa irraa bilisa ta’an waajjira eeyamaa fi mallattoo eeyama daldalaa Yunaayitid Isteetis biraa eeyama argachuu ni danda’u, garuu gurraachonni gabrummaa jala turan hin danda’an.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG