Xurree ittiin seenan

Breaking News

Meksiikoon Kanneen Gama Isheen Naannoo Daangaa Yunaayitid Iteetis Tiksan Waardiyyaa Biyyaalessaa Kutaa Duraa Kuma Kudhan Bobbaaftee Jirti


FAAYILII- Waardiyyaan biyyoolessaa Meeksiikoo daangaa Meeksikoo fi Yunaayitid Isteetis Eegan Guraandhala 5,2025.
FAAYILII- Waardiyyaan biyyoolessaa Meeksiikoo daangaa Meeksikoo fi Yunaayitid Isteetis Eegan Guraandhala 5,2025.

Meeksiikoon egdoota daangaa biyyaaleessaa daangaa Yuunaayitid Isteetisi Kutaa Teeksaas irratti Roobii Kaleessaa irraa kaastee bobbaasteetti. Kunis Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Meeksiikoo irratti qaraxa dabaluuf erga sodaachiiseen booda kan Meeksiikoon loltoota ishee 10,000 daangaa irratti bobbaasuuf walii galtedhas jedhameera.

Eegdonni biyyaaleessaa Meeksiikoo kan fuula isaaniitti maaskii ykn haguuggii godhataniiran, kanneen meeshaa waraanaa hidhataniiran lafa daangaa Yuunaayitid Isteetisii fi Meeksiikoo gama Siyudaad Juwaareziin hiriiraanii , kaan isaanii boolla da’annoo keessaa riqicha fayyadamuun yommuu ba’an Roobii kaleessaa mul’ataniiru. Akkasumas loltoonni Meeksiikoo kanneen eegumsa taasiisa fi to’ataa jiran Meeksiikoo nannoo daangaa Tijuwaanaatti mul’ataniiru. Kunis kan mul’ate Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi taarifa ykn qaraxa meeshaalee Meeksikoo irraa gara Yuunaayitid Isteetisitti galan irratti dhibbeentaa 25 dabaluu erga beeksiisee, sunis waliin dubbii Pireezidaantii Meeksiikoo waliin taasifameen ji’a tokkoof akka tursiifamu ajaja dabarseen torbaan tokkoon boodadha. Akka waliin dubbii hooggantoota biyyoota lamaanii irratti Pireezidaantiin Meeksiikoo eegdota biyyaaleessaa gara daangaa biyyoota lamaanii irratti bobbaasuun daddabarsa qoricha Fenteneel to’achuuf walii galaniiru.

Tiraampi baqqattoota seeran ala karaa daangaa gara yuunaayitid Isteetisitti seenanii fi qoricha Fenteneel kan karaa daangaa seenu to’achuuf gaafa aangoo fudhate irraa kaasee labsii yeroo ariifachiisaa kan labse.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:55 0:00
More
XS
SM
MD
LG