Xurree ittiin seenan

Breaking News

Michoota Waraanaa Maaliitiin Dhiittaan Mirga Namaa Geggeessamaa Jiraachuu Hoogganaan Tokkummaa Mootummootaa Akeekkachiisan


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Biyyi Afriikaa dhiyaa waraansa warreen Jidhaadaa waliin geggeessu keessatti dhiittaa mirga namaa raawwatamu ilaalchisee yaaddoon jiru dabalaa waan deemeef jecha muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Maalii fi michoonni ishee dirqama isaanii kan sadarkaa addunyaa akka ba’an gaafataniiru.

Antooniyoo Gutereesh, haleellaa hedduun finxaaleyyii dhaan geggeessamuu isaa amananuu isaanii gola naga eegumsaaf ibsanii, yaalii Maaliin farra shororkeessummaa ilaalchistee gootu, uummata siivilii irratti daafoo hamaa dhaqqabsiisa jechuu isaanii AFPn gabaasa icitii argateen beeksiseera.

Muummichi barreessaan kun akka jedhanitti mootummaan itti gaafatamummaa cimsuuf akkasumas sochii waraanaa michoota isaa lamaan waliin geggeessu ilaalchisee dirqama sadarkaa addunyaa irra jiru ba’uuf waan danda’e mara akka godhu cimseen gaafadha jedhan.

Michoota isaa lama jechi jedhu kanneen Kiremliniif dhiyoo dha jedhaman gareen Wagner kan Raashiyaa fi biyyattii keessa mindeeffamanii garee sosso’an akka ta’e amanama.

Tarkaanfii humnaa garee finxaaleyyii kanaa dura dhaabbachuuf humnootii naga eegumsa biyyoolessaan gochaaleen raawwataman dhiittaa mirga namaa hamaa dhaqqabsiisaniiru jechuu dhaan hoogganaan tokkummaa mootummootaa ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG