Xurree ittiin seenan

Breaking News

Midhaan Ija Tokko Kan Manaa Qabu Hin Jiru: Qonnaan Bulaa


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti weerara Hawwaannisaa mudateen qonnaan bultoota miidhaman hojiin gargaaruu fi deebisanii dhaabuu kan gaggeessu ta'u Ministeerri Qonnaa kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Ministeera De'etaa kan ta'an Obbo Wandaala Haabtaamuu Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti mootummaa bulchiinsa naannoo Tigraay biraa gama odeeffannoo kennuun hanqiinni

jiraatuus hojiin Hawwaanniisa ittisuu kun achittis ni gaggeeffame jedhan.

Gama biraan Mulugeetaa Astibabaa, gabaasaa Maqalee irraa erge keessatti ka VOAf ibsa kennan - Biiroo Qonnaa fi Misooma Baadiyyaatti itti-gaafataaa hariiroo uummataa ka tahan – Obbo Mikaa’el Mirutsi, ka mootummaan Federaalaa Ragaa argachuu akka dhabe dubbatu kana ilaalchisee deebii kennan. Akka isaan jedhanti“mootummaan federaalaa duraan gargaarsa keemikaalaa fi uffata ittiin ittisaa ni gargaara ture.

Eega yeroo dhihootii as garuu gargaarsicha nu irraa dhaabeera. Gama ragaa kennuutiinis yeroo adda addaatti keessumaa bakkawwan xayyaaraan keemikaala itti biifuu barbaachisu ilaalchisee ragaan barbaachisu ergameyyuu moommaan fedheraalaa garuu Tigiraayiin dhiisee naannoolee birootti keemikaala biifa" jechuun komatan.

Gabaasa Guutuu Caqasaa.

Midhaan Ija Tokko Kan Manaa Qabu Hin Jiru: Qonnaan Bulaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:24 0:00



XS
SM
MD
LG