Xurree ittiin seenan

Breaking News

Cichaan Hojjechuun Milkaa'inaan Nama Ga'a


Abudlaxiif Dirree umuriin isaa 13 utuu jiru as Amerikaatti godaane. Gondina Baalee Madda Walaabuutti kan dhalate dargaggoo Abulaaxiif wayita as dhufu Afaan Ingilizii dubbachuus dubbisuus hin danda’u ture.

Abulaxiif erga as ga’ee mana barnootaa seenee booda haalli jiru ulfaataa ture. Ijoollee fi barsiistota waliin walii galuun rakkisaa waan tureef barumsi qabsoo itti ta’e. Garuu ciminaa fi hamile jabina isaatiin rakkoo gama barnootaan isa mudate irra aane.

Afaan Inglizii isa rakkisaa ture cimee barachuu dhaan barumsa isaatti ijoollee qabxii ol aanaa argatan keessaa tokko ta’e. Schoolar shiipii beekamaa kan hanga barnoota isaa sadarkaa ol aanaa xumurutti isa gargaaruu kan Gates Millenium jedhamu argate. Kaayyoo qabatanii galma ofii beeknaan milkaa’uun ni danda’ama jedha Dargaggoo Abdulatiif. MP3 tuquun guutummaa isaa dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:51 0:00
More
XS
SM
MD
LG