Xurree ittiin seenan

Breaking News

Minisootaa Keessatti Ajjeechaan Dhaqqabee Polisii Waliin Walittibu'iisa Hordoofsisee Jira


Yunaaytid Isteetes kutaa Minisootaa keessatti lammiin Amerikaa hidda dhalata Afrikaa qabuu fi dargaggoon umriin 20 Daawunte Right seera Tiraafiik kan ilaaleen polisiin eega ajjeefamee booda halkan sadaffaaf hiriirtootaa fi polisiin walitti bu’un itti fufee jira.

Amgawoonnii magaala Miniiyaapolis hiriirtoota daandii irraa deebisuuf jecha galgala sa’atii 4 qabee sochii kan ugguuran ta’uus dhibba hedduun isaan waajiira polisii isa handaara magaalaa jiru Brooklin seentar jedhamutti walitti qabamuun ajjeechaa rawwatameef murtii haqaa gaafataa turan.

Polisiin akka isaan addaan faca’an eega gaafatee booda dura dhaabannaa mudateen hirirtonni waan adda addaa polisootatti darbatan . sana booda polisoonni waan biifaman gargaaraman.

Hiriirrii mormiin kun Dilbata dabree polisiin Kim Pottar jedhamtu Raaytiin eega ajjeeftee booda jalqabame.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG