Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayiden Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Waliin Bilbilaan Marii Taasisan


Barreeffmni Waayit Haausi irra bahe akka jedhutti Prezidaant Joon R. Baayiden, har’a Muummicha Ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad wallin dhimma walitti-bu’insa Itiyoophiyaa keessatti deemaa jiruu fi carraalee nagaa fi araara buusuuf jiran irratti bilbilaan dubbatanii jiran. Prezidaant Baayiden hidhamtoonni siyaasaa hedduun gidduu kana gad-lakkisamuu isaaniitiif Muummicha-ministaraa Abiyyiin ka galateeffatan yoo tahu, hoogganoonni lameen karaawwan itti mariin jajjabeessamee gara waliigaltee lola dhaabinsaatti geessamu irratti, guutummaa Itiyoophiyaa keessa gargaarsi karaa raabsamuu danda’u banuun dhimma hariifachiisaa tahuu irratti, dhimma lammiwwan Itiyoophiyaa labsii yeroo hatattamaatiin hidhaa jiranii dabalee yaaddoo mirga namoomaa lammiwwan qaban karaa furuun danda’amu irratti dubbatanii jiran.

Haleellaalee dhiheenya geggeessaman dabalee, hookkarawwan geggeessamaa jiran ilaalchisee yaaddoo qahan kan ibsan Prezidaant Baayiden Yunaayitid Isteetis Gamtaa Afrikaa fi michoota naannoo waliin tahuudhaan akka walitti-bu’insi Itiyoophiyaa karaa nagaa furamu gargaaruuf ka cichitu tahuu irra-deebi’uun mirkaneessanii jiran. Hoogganoonni lameen barbaachisummaa hariiroo Yunaayitid Isteetis fi Itiyoophiyaa gidduu, dhimmoota hedduu irratti walii-tumsa cimusuu fi walitti-bu’insa furuuf barbaachisummaa hojii-qabatamaa irratti cimsanii dubbatanii jiran, jedha barreeffamni Waayit Haawus irraa har'a bahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG