Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayityid Isteetis Daawwannaa Giddu-galeessa Bahaa Keessatti Taasisan Itti Fufanii Jiran


Ministarri Dhimma Alaa Yunaayityid Isteetis Daawwannaa Giddu-galeessa Bahaa Keessatti Taasisan Itti Fufanii Jiran
Ministarri Dhimma Alaa Yunaayityid Isteetis Daawwannaa Giddu-galeessa Bahaa Keessatti Taasisan Itti Fufanii Jiran

Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Maarkoo Rubiyoo Wiixata har’a Sa’udii Arabiyaa keessa kan turan yoo ta’u, kunis qaama daawwannaa naannoo sanatti gaggeessan kan dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Hamas gidduutti xiyyeeffachuu kan dabalatee ture.

Ruubiyoon yaada Pirezidaantiin Yunaaytid Isteetis Doonaald Traamp Falasxiinota Gaazaa keessaa baasuuf dhiyeessan irratti mormii Sa’uudii Arabiyaa fi biyyoota Arabaa biroo irraa ka’aa jiruun, Mootii Sa’uudii Mohaammad bin Salmaan waliin ni mari’atu jedhamee eegamaa jira.

Prezidaant Tiraamp Falasxiinonni gara biyyoota ollaa akka deeman yaada dhiyeessuun, Ameerikaan Gaazaa dhuunfattee naannoo sana irra deebitee misoomsiti jedhan.

Karoorri akkanaa kun abdii Tiraamp Sa’uudii Arabiyaan hariiroo Israa’el waliin qabdu akka idileetti akka jijjiirtu gochuuf qaban kan dhabamsiisu fakkaata. Qondaaltonni Sa’uudii immoo karaan mootummaa Falasxiin tokko yoo jiraate malee Tarkaanfiin kun hin ta’u jedhan.

Ameerikaan Dilbata darbee kana kaayyoo waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti qabdu guutummaatti kan deggerte yoo ta’u, Ruubiyoon Hamaas “hundirraa buqqa’uu qaba” akkasumas “humna waraanaa ykn mootummaa ta’ee itti fufuu hin danda’u” jedhan.

Marsaan jalqabaa kan dhukaasa dhaabuu torban lama booda xumuramuuf waan murtaa’eef, Ruubiyoon yeroo jerusaalemitti yeroo goran, Muummichi Ministeeraa Israa’el Beenijaamin Netaaniyaahuutti akka himanitti, “Hamaas humna bulchuu danda’u ta’ee ykn humna gaggeessuu danda’u ta’ee ykn humna jeequmsa fayyadamuun balaadhaaf saaxiluu danda’u ta’ee hanga dhaabbatutti nageenyi argamuun hin danda’amne ta’a jedhan.”

Hogganaan Israa’el kun Hamaas haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 geggeesse kan waraana kana kakaase irratti booji’amtoota hafan kurnootaan lakka’aman yoo hin gadhiifne “karri si’ool banaa ta’a” jedhan.

Gareen shororkeessummaa jedhamee Yunaaytid Isteetsiin kan moggaafame Hamas, namoota Falasxiinota Israa’el keessatti hidhaman gara 400 ta’an jijjiirraan gadhiisuuf sambata darbe namoota booji’aman sadii bilisa baaseera.

Garuu hidhattoonni kunneen haleellaa shororkeessummaa namoota 1,200 galaafate kanaan namoota booji’an kurna hedduu qabachuu itti fufaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG