Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Fayyaa Senegaal Taayitaarraa Har’ataman 


Hoospitaala da'imoonni reefu dhalatan 11 guyyaa Roobii abiddaan gubatanii keessatti dhuman, Senegaal
Hoospitaala da'imoonni reefu dhalatan 11 guyyaa Roobii abiddaan gubatanii keessatti dhuman, Senegaal

Prezidaantiin Senegaal Maakii Saal eega Roobii dabre halkan ibiddi Hospitaala biyyattii keessatti yoo xiqqaate daa’imman dhalattuu 11 ajjeesee booda, Ministara Fayyaa biyyattii taayitaa irraa buusanii jiran.

Dhiheenya kana mudannoolee gaddisiisoon hospitaalotaa fi kilinikoota Senegaal keessatti uumaman, sirna eegumsa fayyaa biyyattii ka Afrikaa Lixaa keessatti filatamaa gita hin qabne turetti shakkii shakkii uumee jira.

Bara dabre – Ebla 2021 keessa daa’imman reefuu dhalatan afur magaalaa Kaaba biyyattii keessatti argamu – Lingu’eeree keessatti ibiddaan dhuman. Bulchaan magaalattii, rakkoo eletrikii irraa ibiddi sun uumame – jedhan, yeroo sana.

Sun tahee, baatii jahaa booda immoo, Hospitaala magaalaa Daakaar jiru tokko keessatti, inkubeetarii keessatti dagatamtee duute. Baatiidhuma lama duras, dubartiin ulfa ji’a sagalii tokko, Hospitaala magaalaa Loogaa deemuun wal’aansa baqaqsanii deessisuu yokaan Sizeeriyaa sekshin gaafattee, yeroon kee hin geenye, jechuun waan didamteef, sa’atiilee digdamaa booda duute. Rakkoon isaa hospitaalonni supphamuu hanqachuu akka tahe dubbatu – xiinxaltoonni

Yaaddoo kana irraa kan ka’e dubartoonni Senegaal manatti da’uu filataa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG