Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Haajaa Alaa Yuunaayitid Isteetis Saa’ud Arabiyaatti Imaluun Haala Waraansa  Raashiyaa Waliinii Dhaabuu Irratti Maari’atu


U.S. Secretary of State Marco Rubio greets well-wishers upon arrival at King Abdulaziz International Airport in Jeddah, on March 10, 2025.
U.S. Secretary of State Marco Rubio greets well-wishers upon arrival at King Abdulaziz International Airport in Jeddah, on March 10, 2025.

Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi Maarkoo Ruubiyoo Wiixata har’aa gara Saa’ud Arabiyaatti imaluun hooggantoota Yuukireen waliin haala waraana dhaabuu kan Raashiyaa waliin itti jiran irratti ni maarii’atu.

Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Doonaaldi Tiraampi waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa gidduu xumura akka argatuuf dhiibbaa uumuu akkuma itti fufetti jiraachuu isaa hordofee hooggantoonni mootummaa Yuukireen hala waraana dhaabuu irratti marii Yuunaayitid Isteetsi waliin taasiisuuf jiraniif ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi Markoo Ruubiyoo Wiixata har’aa gara Jiddaah Saa’ud Arabiyaatti kan imalan. Ruubiyoon gorsaa nageenya biyyaaleessaa Yuunaayitid Isteetisi Maayik Waalz waliin ta’uun hooggantoota mootummaa Yuukireen waliin marii taasissuuf jiru. Gama Mootummaa Yuukireeniin marii kana irartti hirmaachuuf hooggantoonni itti gaafatamaa waajjira pireezidaantii Yukireen Andiri Yeermarkiin durfaman garasitti kan imalaniiran yommuu ta’u Kibxata boorii haala walii galtee waraana dhaabuu Raashiyaa waliin taasifamuu irratti dubbachuuf jirus jedhameera.

Pireezidaantiin Yuukireen Vooloodmiir Zeleeniskiinis Wiixata har’a gara Saa’uud Arabiyaatti imaluun Mootii Saa’udii Mohaammed Biin Saalmaan waliin Riyaad keessatti wal arguuf kan jiran garuu kan Kibxata boorii kan hooggantoonni Yuunaayitid Isteetisii fi Yuukireen haala waraana dhaabuu irratti dubbachuuf jiran irratti hin argamu.

Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi Markoo Ruubiyoo Daawwannaa isaa Saa’ud Arabiyaan booda gara Kaanadaatti imaluun ya’ii ministiroota haajaa alaa kan garee biyyoota Torbaa, warra ‘G7’ kan Roobi dhufu eegalu irratti ni hirmaata.

Forum

XS
SM
MD
LG