Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Rex Tilerson Afrikaatti Imaluuf Jiru


Tilerson yeroo jalqabaaf Bitooteessa 6 hanaga 13tti bara 2018 Afrikaatti kan imalan yoo ta’u Njaminaa, Jabutii, Finfinnee, Naayroobii fi Abujaa tti goru.

Hogganoota biyyoota kanaa waliin kan wal arguuf jiran Tilerson hogganoota komiishina gamtaa Afrikaa kannen Finfinnee keessaa wajjin wal akka wal arguuf jiran ibsamee jia.

Kunis caalaattii mootummotaa fi uummata Afrikaa waliin michooma jabeessuuf gargaara jedhan. Keessumaa michoota keenya shoroorkeessummaa irratti waliin hojjannu waliin dubbachuuf nagaa fi tasgabii akkasumas bulchiinsa gaarii, daldalaa fi investmentii irratti fulleeffatu.

Yeroo Imalala isaanii kanatti hojjattoota Embaasilee Amerikaa biyyoota kana keessa jiranii waliin kan wal arguuf jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG