Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeeronni Eertraa fi Itiyoophiyaa Somaaliyaa Daawwatan


Ministeerri dhimma alaa Eertraa Osman Saleh fi ministeerri dhimma alaa Itiyoophiyaa Worqineeh Gebeyehu daawwannaa sirnaa Somaaliyaatti geggeessanii jiran. Daawwannaan isaanii Onkoleelossa 17 bara 2018 kun hariiroo diplomaasummaa biyyoota sadanii cimsuu, walii galtee garee sadanii hoogganoota Eertraa, Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan Fulbaana bara 2018 Asmaraa keessatti mallatteeffame irratti mari’achuuf jecha.

Ennaa wal ga’ii isaanii hoogganoonni kun wal ta’iinsa dinagdee, siyaasaa fi nageenyaa ilaalchisee fooya’ina argame mari’ataniiru.

Erga isaan walii galtee sana mallatteessanii as fooya’iina naannoo sanatti argamee keessaa keessummaa daangaan Iriyoopiyaa fi Eertraa gidduu banamuu isaaf balaliin biyyoota lamaan gidduu banamuun tokko tokko ta’uun tuqameera. Hoogganoonni Iriyoophiyaa fi Eertraa bakka mootummaa ta’uun ergaa ennaa dabarsan Somaaliyaa fi uummata isheef deggersa qaban illee irra deebi’uun mirkaneessaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG