Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Kooriyaa Kaabaa Daawwataa Jiru


Ministriin dhimma alaa US Mike Pompeo marii jalqabaa kan guyyoota lamaa kooriyaa kaabaa keessatti geggeessan kan sagantaa meeshaa Nukleraa Pyongyang dhaabsisuu irratti fuuleffate xumuranii jiran.

Mariin ku kan dhaga’ame dhaabi tika nagaa US hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un sgantaa isaanii nuklera oomishuu itti fufanii jiru jechuun xiinxala isaa erga dhiyeessee booda. Mariin kun Sambata borii itti fufa.

Pompeo-n waadaa Kim baatii darbe ennaa gumii Singaapoore odolattii Kooriyaa nuklera irraa qulqulleessuuf seenan akka to’atan Prezidaant Doonaald Traampiin ramadaman.

Angawaa gameessi US kun har’a angawaa paartii biyya bulchuu fi hoogganaa tika nagaa Chaayinaa duraanii Kim Yong Chol waliin wal arganii jiran. Pompeo-n waggaa kana yeroo sadaffaaf Kooriyaa Kaabaa daawwachuu isaanii ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG