Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov Wal-ga’ii G20 Irratti  Argamuuf Gara Afriikaa Kibbaatti Qajeelan


Ministeera dhimma alaa Raashiyaa Sergeey Laavroov fi Prezidaantii Afriikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa bakka wal ga'iin G20 geggeessamu Afriikaa Kibbaa Johaansergitti ennaa wal argan. Guraandhala 20, 2025
Ministeera dhimma alaa Raashiyaa Sergeey Laavroov fi Prezidaantii Afriikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa bakka wal ga'iin G20 geggeessamu Afriikaa Kibbaa Johaansergitti ennaa wal argan. Guraandhala 20, 2025

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov walgahii Garee biyyoota 20 guyyoota lamaaf geggeessamuuf Afriikaa Kibbaa kan seenan yoo ta’u, dippilomaatonni olaanoo Awurooppaa deggersa Yukireeniif taasisan ni cimsu jedhamee eegama. Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Maarkoo Ruubiyoo diplomaatii sadarkaa ol aanaa wal ga’ii kana irraa hafanii dha.

Laavroov walgahii ministeerota dhimma alaa garee G20 kan biyyoota dinagdeen isaanii sadarkaa ol aanaa irra jiruu fi Johaannesbarg keessatti geggeessamuuf gamasitti kan imalan, Yunaayitid Isteetisii fi Raashiyaa gidduutti waraana Yukireen keessatti geggeeffamu akka xumuramuu mariin erga geggeessamee guyyaa lama booda.

Mariin sun michoota Yunaayitid Isteetis kan Awurooppaa fi Yukireen cinaatti ka dhiisee dha. Murteen Ruubiyoon walgahii torban kanaa irraa hafuu fi walgahii guddicha kian G20 baatii Sadaasaa keessa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamu irrattis kan hin argamne ta’uun bu’a qabeessummaa G20 gadi xiqeessuuf sodaachisaa akka ta’etu himame.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiramp Prezidaantii Yukireen Volodiimir Zeleneskii qeequu akkasumas Yukireeniin kijibaan yakkuu dhaan ennaa weerarr Raashyaa wagga sadaffaa qabatee jirutti ejjennoo warreen gama dhiyaa akkaan ol kaasanii jiran.

Ruubiyoon bulchiinsi Tiraamp farra Ameerikaa jechuun kan balaaleffate imaammata Afriikaa Kibbaa hanga tokko irratti muddama uumameen wal ga’ii G20 irratti akka hin hirmaanne murteessan. Yunaayitid Isteetis Afriikaa Kibbaatti ambaasaaddera ishee yeroo Dana Biraawoniin bakka buufamuuf jirti.

G20 biyyoota addunyaa irraa dinagdeen isaanii guddaa ta’e 19 fi Gamtaa Awrooppaa irraa hundeeffme. Wal- ga’ii Kamisa har’aa irratti, hoogganaa imaammata alaa gamtaa Awrooppaa Kajaa Kalaas dabalatee ministeerri dhimma alaa Chaayinaa Waang Yii irratti argamaniiru.

Afriikaan Kibbaa argamuu dhabuun Ruubiyoo prezidaantummaa ishee kan G20 gad xiqqessa yaada jedhu salphistee ilaaltee jirti. Ministeerri dhimma alaa Roonaald Lamoolaa jala bulti wal ga’ii Joohaansbergitti geggeeffame irratti akka jedhanitti Yunaayitid Isteetis guutummaan wal ga’ii kana irraa hin hafne jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG