Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministiriin Dhimma Alaa Raashiyaa Mariin Aangawoota Biyya Isaanii Fi Yunaayitid Isteetis Gidduutti Geggeessame Bu'a Qabeessa Jedhan


FAAYILII9- Embasii Yunaayitid Isteetis kan Raashiyaa Keessaa Waxabajjii 22, bara 2022. Dimpoomatonni Ynaayitid Isteetis fi Raashiyaa Istanbul Keessatti wal argan, Guraandhal 27, 2025
FAAYILII9- Embasii Yunaayitid Isteetis kan Raashiyaa Keessaa Waxabajjii 22, bara 2022. Dimpoomatonni Ynaayitid Isteetis fi Raashiyaa Istanbul Keessatti wal argan, Guraandhal 27, 2025

Akka maddi oduu mootumma Raashaa TASS jedhamee beekamu gabaasetti Mariin bakka buutonni biyyootan lammanii Sa’aatii Jahaaf taasisan harkii caalaan isaa, waldhabdee dipilomaasii fi dhimma Ambaasaderootaa irratti kan xiyyeefatedhaa.

Marii bakka jireenyaa dipilomaatota Yunaayitid Isteets Istaanbulitii argamanuu keessatti akka taasifame ibsame kana irratti kan hirmaate jiilli Yunaayitid Isteets kan hogganamee Itti antuu ministeera dhimma alaa Sonaata Kuulteriin yemmuu ta’u, gareen mootumma Raashaa immoo ministeera dhiimaa alaa mootummaa Raashaatti darektera kutaa Atilaantiik Kaaba kan ta’an Aleksaander Darchiiyeeviin akka ta’e beekameera.

Marii kana booddee ibsa kan keennee ministrrii dhiimaa alaa Mootummaa Raashaa, marichii barbaachisaadhaafi kan beekumasa irratti hundaa’ee taasifame ta’uu isaa ibsee, gareewwan lamman haala embaasii biyyoottan lammanii jeequmsa tokko malee bakka isaatii deebisuufi dhimmaa maalaqaa irratti akka wali galamee beeksisuun isaa gabaasameera. Balaliin xiyyaara daldalaa biyoottan lamman giduutti kalatiidhaan taasifamus haala itti fufuu danda’u irratti mariin taasifamuun isaa ibsamera.

dhiheenyaa erga prezidaantiin Yunaayitid Isteets, Doonald Traampii fi Prezidaantiin Raashaa Vilaadimiir Putiin bilbilaan marii taasisanii, akkasumaas er gabakka bu’onni biyyottan lammanii ministirootaa dhimma alatiin dursaman Sa’ud Arabiyaa keessatti wal arganii maryataani booda mariin biyyoottan lammanii kaleessa Turkii keessatti kallatiidhaan taasisan isaa jalqabaa akka ta’e gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG