Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministirrii Itisaa Yunaayitid Isteets Waraanii Raashaa Dadhabaa Jira, Jedhu


Ministirrii ittisaa Yunaaytid Isteets Lilooyid Oo’usten
Ministirrii ittisaa Yunaaytid Isteets Lilooyid Oo’usten

Ministirrii ittisaa Yunaaytid Isteets Lilooyid Oo’usten walgahii Yukireenii fi Jarman keessatti taasisan raawwatanii biyyatti deebi’aniiru.

Walgahii haanga’ootaa biyyoottan 40 waliin buufataa xiyyaaraa US isa Jarmanitti argamuu Ramsteen keesaatti taasisanii boodaa Lilooyid Oo’ustin akka jedhanitti yukireen Umnaa fi dandeettii waraanaa Raashaa akka dadhabsiiftee dubbataniiru.

"karaa jabnaa waraanaatin haala yeroo jalqabanii irraa amma dadhabaa dhufaniiru. Sababa qoqqobbi fi dhorkaa daldalaatin kan ka’e umnaa dandeetii isaanii, isaa jalaa manca’e bakka buufatanii fuul duratti adeemuun rakkisaadhaa. Akka yeroo jalqabanii sanatti sadarkaa ollaa isaanii tuffachuu irra akka hin jirree irraa deebinee mirkaneesina.>> jedhaniiru.

Wa’ee fayyadama Nuuklaaraa irratii tibbana yaadaa Ministirrii dhimma alaa Raashaa Sergeey Lavaroov kennan irratti kan dubbata Lilooyid Oo’ustan, seeyifiidhaan tapahachuun bala qabeessaa malee bu’a qabeesaa mitii jechuun isaanii gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG