Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensa Mana Marii 200 oliitit balleessaa itti mure,Pirezi.,Tiraampi seera dabsee,dhugaa qonyise jedhanii balleessaa itti muran


House members vote as House Speaker Nancy Pelosi of Calif., stands on the dais, during a vote on article II of impeachment against President Donald Trump, Wednesday, Dec. 18, 2019, on Capitol Hill in Washington. (AP Photo/Patrick Semansky)
House members vote as House Speaker Nancy Pelosi of Calif., stands on the dais, during a vote on article II of impeachment against President Donald Trump, Wednesday, Dec. 18, 2019, on Capitol Hill in Washington. (AP Photo/Patrick Semansky)

Amerikaan ganna 243 keessatti tana waliin marroo sadii pirezidaantii isii seera dabsee jettee waan hujiiyyuu irraa buusuu dandahaatiin himatte.

Manii Maree Amerikaa kaleellee falmuma falmee tana haga guddaan dubbii buufate.

Naansii Peloosii,Afi Yaa’ii Mana Marii Amerikaati.“Akkuma fedhe tahee hujii balaa qabdullee hojjate tanaaf himatame.Falii dhibiin hin jiru.”

Manii Marii Amerikaa Tiraampi doolara miliyoona 400 dhiyaatu kongireesiin Amerikaa Yukireenii kenne mootummaa sun irraa faayidaa argachuuf gaafatee dhabee jennaan horii sun irraa qabee akka kongireesisin dubbii sun quba hin qabaanne dhosse jedhanii balleesaa itti muran.

Mana marii Amerikaa 427 keessaa nama 230 dhiyaatutti balleessaa qaba jedhee itti muree 198 dhiyaatutti mormeef.

Tiraampi akka Yukireen itti aanaa pirezidaantii Amerikaa ka durii bara 2020 pirezidaantii Amerikaa tahuuf dorgomu,Joe Biden fi ilma isaa Hunrter qorattu gaafateen himatan.

Adam Schiff, itti gaafatamaa koree nagaa Mana Maree Amerikaati."Amerikaatti namii seeraa oli jiru hin jiru.Doonaldi J. Tiraampi filannoo bara 2020 hatuuf, nagaa biyya teena balaa irra buuse tana tolche.Duruu woma akkanaa hojjachaa bahe himatamuu male.”

Pirezidaanti Tiraampiif ammo tun siyaasaa demokriaasii Amerikaa boolla irraan martu jedha.

"Himachaan paartii hardhaa tun demokiraatota hujii hin qamnetti warra nu filate akka malee akka jibbanii fi womaattuu hin darre agarsiisa.Jarii kun harkuma ufiitiin siyaasaa keessatti ufi galaafate.”

Doug Collins, nama paartii Rippaabilikaan Rippaabilikaaniiti. Demokiraatotii pirezidaantii waan tokkollee hin yakkin dharaan himatan jedhe.

Dubbiin Tiraampiin himatan tun asii Senetii Amerikaatti dabarti.Senetii harkii guddaan paarti Tiraampiti.Adoo silaa Tiraampi hujii irraa buusanii itti aanaa isaatti itti dabra.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG