Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fooya’inni bulchiinsa gaarii Afriikaa keessaa gad adeeme jedha dhaabi Mo Foundation


Jarmayaan Mo akka jedhutti bulchiinsa Afriikaa keessaa kan ilaaleen odeeffannoo walii galaa qabatee jira.

Xiinaltoonni waggaa waggaan biyyi hundumtuu haala itti daldala geggeessu, itti gaafatama angawoota irra jiruu fi hookkara dubartoota irratti geggeeffamu ittisuuf seera qaban xiinxala.

Gabaasni baranaa akka ifa ta’etti bu’uursaan MO FOUNDATION akka jedhanitti haalli waggootii darban 4 keessatti mul’ate yaaddessaa dha.

Biyyoonni 21 erga bara 2011 as bulchiinsaan qabxiin argatan gad bu’aa jira, garuu kun jijjiirama guddaa iddoo hanga tokkotti arganne haguuge.

Tajaajilli fayyaa fi banooti guutummaa Afriikaa keessatti fooya’ee jira. Ibrahaaim akka jedhanitti Ivory Coast kan dhuma baatii kanaa filannoo geggeessuuf jirtu walii galaan jijjiirama guddaa argamsiiste. Biyya walitti bu’iinsa baate. Biyyoonni haala akkasii keessa hin turre kan akka Rwaandaa, Morokoo, Toogoo, Keenyaa mootummoota misooma irratti fuuleffatan qabu.

Walitti bu’iinsa keessa kan jiran Somaaliyaa, Sudaan kibbaa fi Republikiin Afriikaa waaltaa tarree dhuma gabaasa kanaa irra jiru. Bulchiinsi gama dinagdeen jiru hedduu gad bu’eera. Xiinxaltoonni akka jedhanitti biyyoonni Afriikaa hedduun waggootii dhiyeenya kana gatiin waan hundaa kufuu isaan miidhamanii jiru.

Biyyoonni milkaaan immoo haala dinagdee adda addaa keessa jiru jedhan Prezidaantiin baankii misooma Afriikaa duraanii Doonaald Kaberuka.

Kaayyoon qorannoo kanaa naannoo bulchiinsaa iccitii jiru dhabamsiisuuf akkasumas lammiiwwan Afriikaa sadarkaa gadii jiran kanneen aangoo qabatanii jiran itti gaafatamaa gochuuf ta’uu jaarmayaan MO IBRAHIM FOUNDATIONI beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG