Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moaammar Gaadaafiin Ajjeefaman Jedhan Angawoonni Libyaa


Angawoonni gameeyyiin mootummaa ce’usma Libya hoogganaan duraanii Moammar Gadhafin du’uu isaanii mirkaneessuu dhaan loltoota mootummaatu har’a magaalaa Sirte keessatti walitti bu’iinsa humnootii gadafii waliin ta’e irratti ajjeesan jedhan.

Angawoonni gumii biyyoolessa yeroo ce’umsaa kanneen Tripoli keessaa akka hedhanitti humnootiin isaanii Gadafitti dhukaasanii kan ajjeesan si’a ta’u reeffa isaaniis of harkaa qabu. Kun kan dhaga’ame loltoonni mootummaa ce’umsaa yeroo dhumaaf duula Sirte keessatti humnootii Gadaafii irratti geggeessaniin ta’uun beekamee jira.

Sabaa himaalenis video reeffa Gadafi dhiigaan makame agariisaniiru. Associateed Press nama wayita Gadafiitti dhukaasame arge jedhe waliin gaaffii fi diibii geggeessee jira.

Kunis kan ta’e har’a ganama barii dha. Hoogganaan mana marii Mustafa Abdel Jalil du’uu Gaadafii ilaalchisee uummata biyyattiif ibsa kennuuf jiru. NATOn du’uu Gadafii hin mirkaneessine garuu xayyaarri waraana isaa konkolaattota lama kan humnootiin Gadaafii itti fayyadamaa turan haleeluu isaa beeksise.

Kanneen gammadan loltoonni mootummaa ce’umsaa Sirte keessatti samiitti dhukaasuu dhaan alaabaa isaanii magaalattii keessa dhaabanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG