Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mooraa Baqattootaa Gondar Kaabaa Jiru Irratti Haleellaa Raaw'atameen Namoonni Miidhaman


FAAYILII - Naannoo Amaaraa, Gondar
FAAYILII - Naannoo Amaaraa, Gondar

Quubsama baqatootaa godinaa Gondor kaabaa keessa jirufi “Alamwaac” jedhamu keessatti Sambata dheengadaa fi wixata kaleesaa namoottan hidhatan haleellaa raawwataniin nammi tokko ajjeefamee, namoottan 10 immoo madaa’uun isaanii beekameera. Baqattoonni mooricha keessa jiran akka sagalee Amerikaati himaniti Sambata dheengaddaa galgalaa namoottan meeshaa waraanaa hidhatanii moorichaa keessa seenan baqatoota Sadeeti aalbeedhaan waraananii ergaa madeesanii boodaa, wixata kaleessaa deebi’uudhaan namoottan biro madeesanii nama tokko immoo ajjeesaniiru.

Lammiilee Eertiraa kan ta’anii fi maqan isaanii akka hin dhahamne kan gaafatan baqataan tokko akka sagalee Amerikaatti himaniti, nammoottan qawwee hidhatan lakkofsaan 8 ta’an moorichaa keessa seenuudhaan bilbila harkaa dabalatee qabeenyaa baqattootaa adda adda akk saama turan ibsaniiru. Bulchiinsii aanaa Daabata haleelaan sun guyyoottan lamman keessatti raawaaratamuu isaa mirkaneesee, umnoottan naga eegdotaa gara moorichaatii erguudhaaf tattafii taasisaa akka jiru himuu isaa Gebremikaa’el Gebremediihin Gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG