Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 


 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 
 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 

Maddi oduu Asoosheetid Prees akka gabaasetti biyyoottan adda addaa irraa gara biyya Keeniyaa dhaqanii mooraa baqattootaa Kaakumaa jedhamu keessa qubatanii jiraan, sababa raashina nyaataatiin walqabate mormii kaasaniin Poolisootaa wajjin walitii bu’anii dhukaasa Poolisoonni raawwataniin namoottan Afur madaa’aniiru.

Baqatoonni Sudaan kibbaa, Ityoophiyaa, Burundii fi Koongoo irraa ballla Umamaafi walitii bu’insaa baqatanii gara Keeniyaa dhaqan Kumaatamaan lakkawaman Wixata kaleessa mormii kan kaasan, dhaabata mootummoota gamtoomanitti sagantaan midhaan nyaata WFPn hanqina baajataa irraa kan ka’e raashinaa akka hirdhisu erga beeksisee booda akka ta’e beekameera.

Sagantaan nyaata Aduunyaa ji’a mudee darbee keessa akka beeksisetti, biyyoottan degersa kennan gargaarsa isaanii waan hirdhisaa jiranuuf fedhii namoottan gargaramanu guutuu akka hin dandeenyee beeksisee, yeroo sana midhaan nyaataa inni of harkaa qabuu dhibeentaa 45 qofa akka ture beeksiseera.

Waggootan Afuraan darbanii kaasee akka hanqinaa baajataa qabuu kan ibsaa ture sagantaan nyaata aduunyaa, sababa Perezidaantii Yunaayitid Isteets Doonalad Traamp gargaarsaa biyyaa alaa dhaabaniif baajata dhabuudhaan kan ka’e waajjira isaa biyyaa Afrikaa kibbaatti argamu cufuu isaa Wixata Kaleessaa beeksisee jira.

Keeniyaan yeroo ammaa mooraawwaan kaneen gargaarsaa biyyaa alaa irratti hundaa’anii jiranii gara qubsuma qubachiisuutti ceesisuuf hojachaa kan jirtu yoo ta’u, bakaawan wagoottan dheeraaf mooraa baqatootaa turan Kaakumaa fi Dadaabin gara bulchiinsa magaalotaatti akka geedaraman taasisuun ishee beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG