Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Bulchiinsa Naannoo Tigraay Gabaasa Amnestiif Deebii Kenne


FAAYILII - Namoota naannoo Amaaraa keessaa qehee irraa buqahan
FAAYILII - Namoota naannoo Amaaraa keessaa qehee irraa buqahan

Gareen mirga dhala namaaf falmuu Amnestii intarnaashinaal humnootii Tigraay kanneen ittiin jedhe bulchiinsa naannoo keessa kan jiran Qobboo fi Cilaa keessatti siviiloota walitti qabuun ajjeesan akkasumas humnaan gudeeddii gareen gaggeeffame dhuma baatii Hagayyaa hanga jalqaba baatii Fulbaanaa giddutti rawwatan jechuun kan gabaasee ture irratt Waajirri haajaa alaa Tigraay jedhame deebii kennee jira.

Waraanni Tigraay gocha beekaa siviiloota irratti gaggeesse akka hin qabne, lammiwwan Itiyoophiyaa kutaa ollaa keessa jiran irratti hammeenya akkasii gaggeessuuf akka hin bobbaane irra deeddeebinee ibsina kan jedhe ibsii mootummaan bulchiinsa nananoo Tigraay humnootiin Amaaraa fi kan Ertraa garu gocha kana uummata keenya irratti gaggeessanii jiran jedha.

Miseensoota waraana keenyaan miidhaan siviloota irra ga’e yoo jiraate gadda nutti dhaga’ame ibsinaa jechuun kunis gocha yakkaati jedhee jira.Yoo dhuguma waraanni keenya akuma jedhame yakka kana rawwachuun isaa qorannaa gaggeessinuun bira geenye kanneen itti gaafatamoo ta’an seera duratti dhiyaatu jedha ibsi ba’e.

Humnootiin Tigraay Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa kan jiran Qobboo fi Cinaa keessatti haleellaan gaggeessan yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti rawwatame ta’u akka danda’uu gareen mirga dhala namaaf falmu Amneestii Intarnaashinaal gabaasee ture.

Ajjechaa, humnaan gudeeddii fi saamiinsii humnootiin Tigraay magaalaalee bulchiinsa naannoo Amaaraa lama keessatti gaggeessan Dubartoota gudeeeduu fi namoota ajjeesuun qaama wal waraansaa ta’aa dhufuu gabaasuun isaa ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG