Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoopiyaa Lafa qonnaa Hektaara miliyoona sadii Investerootaaf kennuf Karoorfate.


Karoora qabamee jiaruun naannolee Afaar,Somaalee, Benishaangul Gumuz fi naannoo Gambeelaa keessa qonnaan bultoonni jiran lafa isaanii irraa kaafamanii bakka birootti geessamanii qubsiisamaa jiru.

Qonnaan bultoonni akka jedhanitti lafti mootummaan dirqisiisee irra nu qubsiise kun lafa gogaa, tajaajjila eegumsa fayyaas haa ta’u barnoota argachuun hin danda’amnee dha jedhu.

Mootummaan immoo bakka misaa ta’ettan isaan dabarsee jedha. Qabsaa’onni mirga namaa kanneen dhalattoota naannolee kanaa ta’anis mootummaan Ethiopiaa uummata ofii isaa kunuunsuu irra dachii isaanii abbootii qabeenyaatti hiree qonnaan bultoota rakkinaaf saaxile jechuun falmaa jiran.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun caqasa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG