Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Feedeeraalaa Akka Hoggantoonni ABUT Rakkoo Isaan Gidduu Furan Gaafate


Mootummaan Feedeeraalaa Akka Hoggantoonni ABUT Rakkoo Isaan Gidduu Furan Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:07 0:00

Hogganni Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) rakkoo keessaa paartiicha furuun hin dhiyaatu taanaan hojii bulchiinsa naannoo sanaa mootummaan Feedeeraalaa fudhachuuf akka jiru hubachisuu isaa prezidaantiin yeroo kan naannoo sanaa Obbo Geetaachaw Raddaa ibsanii jiru.

Obbo Geetaachoon Dilbata kaleessaa sabaa himaa naannoof ibsa kennaniin, bulchiinsii yeroo hojii isaa akka hin gaggeessine gochuun gareen ABUT Kan Dr Dabra Tsuyoon Gabra Mikaa’eeliin hogganamuu bulchiitoota mootummaan ramadee akka kaafaman taasisaa jiraa kunis fonqoolcha mootummaati jechuun yakkan.

Sababa Kanaan haallii siyaasaa Tigraay keessaa haala gaarii hin taanee irraa gara sadarkaa hammaataa ga’aa jira jedhan.

Gareen Hiwaat kan Dr. Dabra Tsitooniin hogganamuu yeroo sadii caalaa gara mootummaa Feedeeraalaatti deddeebi’uun aangoo gaafateera kan jedhan Obbo Geetaachoon, mootummaan Feedeeraalaa Hiwaat rakkoo isaa akka furatuuf gaafataa jira jedhan.

Obbo Geetaacheew ibsa isaanii Kanaan, gareen isaaniin hogganamuu paartii isaanii olchuuf akkasumas adda addummaa hoggana gidduu jiru furuuf jecha walitti dhiyeenyaan dubbachuuf qophii ta’u ibsaniiru.

Kana ilaalchisee garee Hiwaat Dr. Dabra Tsiyoon Gabra Mikaa’eeliin hogganamuu irraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.

Obbo Geetaachoon ibsa isaanii kaleessaa Kanaan, baatilee sadii fi walakkaa darban keessa warqeen bulchiinsa naanoo sanaaa argamee kuuntaala 28 caalaan mootummaa Feedeeraalaaf galuus, maallaqnii mootummaa naannoof galee akka hin jirree ibsan.Kunis isa Koontroobaandiin argamuu hin dabaluu jedhan.

Karaa seeraan alaa albuudaa fi namoota deddeebisuun kanneen shakkaman garuu abuukaatoo fi abbootii murti ikan doorsiisan akka jiran Obbo Geetaachoon dubbatanii jiru.

Isaan kana irratti itti gaafatamuummaan akka jiraatuuf qaamoota nageenyaa fi haqaa wajjiin qindoominaan ni hojjanna jechuu isaanii Mulugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG