Waajjirri dhimmootii kominikeeshinii kan mootummaa naannoo Gambeelaa kaleessa Bitootessa 30 bara 2016 ibsa baaseen, nageenyi boora’uu naannoo sanatti mul’atuun wal qabatee, itti gaafatama isaanii hin baane, ergama isaanii hin raawwanne kan ittiin jedhe hooggana mootummaa sadarkaa ol aanaa irra kanneen turan namoota 4 itti gaafatama isaanii irraa kaasuu beeksisee jira.
Ibsi sun akka agarsiisutti, hoogganni itti gaafatama isaanii irraa kaafaman, itti gaafatamaa waajjira haqaa naannichaa obbo Akuwaay Ubuutii, itti gaafatmaa waajjira bulchiisa nagaa fi nageenyaa obbo Chool Kuun, daayiriktera ol aanaa Abbaa aayitaa daandii baadiyaa naannichaa obbo Bitew Daak fi itti gaafatamaa waajjira paartii Badhaadhinaa godina hawaas Nuweer obbo Buuny Niyaal.
Guyyaa kaleessaa aangoo irraa kaafaman ka jedhaman keessaa tokko kan ta’an itti gaafatamaan waajjira nagaa fi nageenyaa obbo Chool Kuun torban darbe VOA waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin, mootummaan naannoo sanaa walitti bu’iinsa gosaa tuqataniiru, gocha sana keessattis hirmaataniiru kan ittiin jedhe miseensota caasaa nageenyaa irratti tarkaanfii fudhataa jiraachuu ibsani turan.
Mootmmaan naannoo tarkaanfii inni fudhataa jira jedhameef itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii naannichaa obbo Ujuluu Giiloo ibsa itti dabalaa akka kennaniif gaaffii dhiyeessineef, nageenya waliin wal qabatee gabaasi dhumaa waajjira nagaa fi nageenya naannoo biraa nu hin geenye jechuun barreeffama gabaabaa dhaan deebii nuuf kennanii jiran jechuu dhaan Gebremikaa’el G/Medin gabaaseera.
Forum