Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Haaraan Kan Faalisxiinootaa Kakatee Angoo Qabateera


Hogganaa Falasxiin, Mahmuud Abbaas, Weesti Baank, Bitootessa 27, 2022.
Hogganaa Falasxiin, Mahmuud Abbaas, Weesti Baank, Bitootessa 27, 2022.

Mootummaan Falasxiin haaraan lammiilee Gaazaa fi dubartoota afur of keessaa qabu Dilbata kaleessaa aangoo qabachuud kan kakatee yoo ta’u, garuu duruu shakkii ummata ofii irraa isa mudachaa ture. Abbaan Taayitaa Falasxiin kan Mahmuud Abbaasiin durfamu, waraana Gaazaa booda tarkaanfachuu akkasumas hojii haaromsa gaggeessuuf akka qophaa’uuf dhiibbaan Waashingitan irraan gahaa jira.

Kaabineen isaanii haaraan ministeerota 23 kan of keessaa qabu yoo ta’u, dubartoota afur fi ministeerota Gaazaa irraa dhufan ja’a kan hammate yoo ta’u, isaan keessaa kantiibaa magaalaa Gaazaa duraanii Maged Abu Ramadan itti gaafatamnii damee fayyaatu kennameef. Muummichi ministeeraa haaraa muudaman Mohaammad Mustafaa garee isaanii haaraa moggaasuun ''aantummaan biyyoolessaa olaanaa'' kan mootummaan isaanii wal waraansatti, xumuruua tolchuu dha.

Kaabineen isaanii ''ittigaafatamummaa Gaazaa fudhachuu dabalatee dhaabbilee kana deebisee tokkomsuuf mul'ata bocuu irratti ni hojjeta'' jedhan. Kan ganni isaanii 88 ta’e Pirezidaanti Abbaas, dhiibbaa gochuun akka isaan waraana booda West Baankii dhuunfatamee fi Gaazaa barbadaa'e bulchiinsa tokko jalatti walitti fidaniif Amerikaan gaafataa jirti.

Erga Hamaas bara 2007 paartii Abbaas Fatah irraa aangoo achitti fudhatee asitti, Abbaan Taayitaa Falasxiin Gaazaa irratti dhiibbaa tokkollee hin qabu jechuun ni danda’ama. Ministirri Dhimma Alaa Amerikaa Antonii Blinkeen yeroo namoonni lamaan baatii Amajjiimkeessa wal argan Abbaas ''haaromsa bulchiinsaa'' akka argamsiisan gaafataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG