Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Haleellaa Walii Galaa ABUT Irratti Geggeessuu Hin Jalqabne Jedhe


Ministera Dettaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa, Obbo Kebbedee Deessisaa (Suuraa faayilii)
Ministera Dettaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa, Obbo Kebbedee Deessisaa (Suuraa faayilii)

Mootummaan Itiyooophiyaa adda waraanaa Raayyaatti waraana ka’etti aansuu dhaan ABUT irratti haleellaa walii gala amma iyyuu hin jalqabne jedhee jira. Ministera Dettaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa, Obbo Kebbedee Deessisaa gaazixeessota biyya keessaaf har’a ibsa kennaniin humnoonni federaalaa haleellaa TPLF ittisaa jiru jedhan.

Dubbi himaan ABUT obbo Geetaachoo Reddaa gama isaaniin Maqalee keessatti gaazixeessota biyya keessaaf akka himanitti mootummaan federaalaa Roobii darbe haleellaa raawwachuu isaa ibsaniiru. Mootummaan federaalaa walitti bu’iinsa deebisee kaasuu dhaan walitti bu’iinsi Itiyoophiyaa gama kaabaa karaa nagaan furuuf yaalii godhamutti gufuu ta’e jechuun himataniiru. Obbo Geetaachoon nuti ofi irraa ittisaa jirra malee bakka qabachuu utuu hin taane jiraachuu uummata Tigraay eegsisuufi jedhan.

Obbo Geetaachoon akka jedhanitti, jJiraachuu uummata Tigraayiif balaa ta’uu kan danda’u, humna beela itti fufuuf waardiyaa dhaabate deebisee akka dhfuuf carraan akka jiraatu garuu hin eeyamnu. Bakka inni seene seennee waan gochuun nu irra jiru goona. Jiraachuu Tigraay mirkaneessuun ala ajandaa biroo hin qabnu. Uummati Tigraay waan nyaatu akka argatu jechuun socho’aa jirra. Ofiin of bulchuu akka danda’u, lammiiwwan mirga isaa sarban diinota isaa dura dhaabbachuu qofa kan nuti barbaannu jedhan.

Komiishinni mirga namaa kan Itiyoophiyaa gama isaan naannoo Amaaraa magaalaa Qobboo keessatti waraana irra deebi’ee geggeeffameen namoota nagaa irratti fuuleffatamuu isaa fi Maqaleetti kan argamu dirreen taphaa irrattis namoota nagaa irra miidhaan ga’uu isaa beeksisee jira. Itti aantuu komishinerittiin Raakeeb Messelee VOAf akka himanitti qorannaan isaanii yeroo itti dabalaa barbaada jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG