Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa  Ajjeechaa Battee Urgeessaan Wal-Qabatee Namoota Hidhe Akka Gad-Lakkisu Jaarmayaaleen Mirga Namoomaa Gaafatan 


FAAYILII - Qondaala Adda Bilisummaa Oromoo ka turan, Obbo Battee Urgeessaa
FAAYILII - Qondaala Adda Bilisummaa Oromoo ka turan, Obbo Battee Urgeessaa

Namoottan Ajjeechaa haanga’aa ABO obboo Batte Urgeesaan walqabatee ittu himannaan irratti hin dhihaatiin mana hidhaa keessa jiran 11 keessaa obboleessi obbo Battee, Miiloo Urgaasaa akka argamanuu kan ibsee Hiyumaan Raahiits Wooch namoottan, kun haalduree tokko malee hiikaman, dhimma ajjeechaa obbo Battee irratti qoo’annoon idilee adduunyaa akka taasifamuu qabu gaafatee jira.

Dhaabbata Himaan Riiyiit Waachiitti itti aantuu daarrektera Afrikaa kan ta’an Laatiishaa Baadeer, mootummaan Ityoophiyaa namoottan kana ittu himannaan irratti hindhihaatin mana hidhaa keessa tursiisuu isaatiin waa’ee ajjeechaa obbo Battee Urgeesaa irratti dhugaa jiru dhuksuudhaafii sodaa jedhu akka qaban ibsaniru.

Akka gabaasinni dhaabbata mirga namoomaa kun dabalee jedhetti, manni murtii magaala Maqii obboleessi obbo Battee Urgeessaa akka mana hidhaatii gadii lakkisamu ajaja kenne kan ture yemmuu ta’u, amma ammaatti garuu Miiloo Urgeesaa manaa hidhaatii ittu hin hiikamin jira. Haaga’onii mootummaas Miiloo Urgeesaa akka harkaa isaanii keessa hin jirre ibsaa jiraachuu isaanii akkasumas namoottan mana hidhaa magaala maqii keessa jiraachuun isaanii himamee alaatti hidhamtoonni biroo eessatti akka hidhaman akka hin beekamne gabaasini kun ibseera.

Ajjeechaa haanga’aa ABO Obbo Battee Urgeesaatiin walqabatee akka qorannoon guutuun taasifamu mootummaan Yuunaayitid isteets, gamtaan Awuroopaa fi mootummaan Biriiteen gaafachuu isaanii gabaasinii dhaabata mirga namoomaa kun eerera.

Haalumaa sarbiinisa mirga namoomaa Ityoophiyaa keessatti raawwachaa jira jedhameen, dhaabbanni mirga namoomaa biroo Aminesitii Internaashinaal sababa walwaraansa biyyatti keessatti taasifamaa jiruun sarbiinsii mirga namoomaa itti fufee jiraachuu isaa akka ibse maddi oduu Ajaans Firaans Prees/AFP qibxata har’aa gabaasee jira.

Aminestii internaashinaal, keesumaa sarbiinsa mirga namoomaa naannoo Amaaraa keessatti raawwachaa jiru irratti dhaabbileen mirga namoomaa idilee adduunyaafi kan Afrikaa keessatti dhimma mirga namoomaa irratti hojjatan akka xiyeeffanaa itti Kenan gaafatee jira.

Komishiiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa ji’a Adooleesaa darbe keessa ibsa baaseen bakkaawwan walitti bu’insii adeemaa jiru keessatti sarbiinsii mirga namoomaa baldhinaan itti fufu isaa akka ibsee gabaasni madda oduu AFP ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG