Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa fi ABUT Wal Himannaa Itti Fufanii Jiru


FAAYILII - Loltoota Itoophiyaa konkolaataadhan Kaaba Maqalee, Aguwaalaa bakka jedhamuutti, Caamsaa 8, 2021
FAAYILII - Loltoota Itoophiyaa konkolaataadhan Kaaba Maqalee, Aguwaalaa bakka jedhamuutti, Caamsaa 8, 2021

Mootummaan Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) dhuma torban dabree irra situ walitti bu’iinsa hammeesse jechuun wal komachuu itti fufanii jiru.Angawaa gameessi ABUT kindeeyaa Gabra Hiwoot mootummaan Itiyoophiyaa naanoo sivioonni jiraataan kan Tigraay keessaa Bombiin haleelaa jechuun himatan.

Xayyaara nam-maleeyiin naannaa Hospitaala Maqalee fi hospitaala fistullaa kaatriin Hamliin jedhamu haleelee jechuun Obbo Kindayaan Twitarii ofii irratti sambata dabree barreessan.

Mootummaan Itiyoophiyaa humnii qilleensa biyyatti maadheelee waraanaa irratti qofa qiyyaafata jechuun himata wal fakkaataa ammaan dura dhiyaatan haaluun ni yaadatama. ABUT Hojii seeraan alaa hojjachaa ituu jiruu kana jechuun, iyya marsaa biraa kan gargaarsaaf dhiyeesuuf jiruuf qophii ta’u dha jedhan ibsii mootummaan baase.

Dubbii himaan ABUT Geetaachoo Raddaa Ertraan waraana ishee keessee turte deebistee waamaa jirti jechuun himatan.

Ministriin odeeffannoo kan Ertraa himata Obbo Geetaachoo kana haaluun oduun kun suuraa bara 2018 yeroo daangaan Ertraa fi Itiyoophiyaa baname kaafameen deggeramee oduu sobaa dhiyaate jechuun Twitarii irratti deebii kennan.

Gama kaaniin himata gamtaa Awuroopaa dhiyeesse kan Ertraan nagaa Itiyoophiyaa keessaaf danqaa taate jedhu, Ertraan mormitee jirti. Biraasals keessa kan jiru Embaasiin Ertraa kun himata hundee hin qabne ittiin jedhee jira. Gamtaan Awuroopaa akka waan ABUT midhameetti dhiyeessee jechuun qeeqe. Imaamata sirrii hin taanee akkasii, kan ABUT guddisanii agarsisuuf gaggeeffamu akkasiitu Itiyoophiyaa keessatti walitti bu’iinsii hammeessuuf dhimma ijoo ta’u isaa fudhachuun barbaachisaa dha jechuu Embaasiin Ertraa beeksisee jira jechuun Keneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG