Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Gargaarsa Misoomaaf Arjoomame, Mormitoota Siyaasaa Ittiin Ukkaamsa.


Mootummaan Itiyoophiyaa gargaarsa misoomaaf arjoomtoota biraa argatee,mormitoota siyaasaa ittiin Ukkaamsuuf gargaarama jechuun, gareen mirga dhala namaaaf falmuu Human Rights Watch gabaasee jira.

Gabaasaan garee Human Rights Watch baase kun akka jedhuti, jiraatonni gandeen baadiyyaa keessaa yoo miseensoota paartii mormituu ta’an mootummaa biraa tajaajiila liqaa maallaqaa, gargaarsa sanyii midhaan facaafatanii,gargaarsa nyaataa fi bakka dahannaa hin argtan.

Garee "Human Rights Watch" jedhamuuf qorataa kan ta’an Been Rowulins, "angawonni mootummaa Itiyoophiyaa Qonnaan bultootaa fi Jiraatoota gandeen baadiyyaa bira dhaqanii maaliif Paartii deggertan bira demtanii gargaarsa hin gaafatan?" ittin jedhu, jedhan

Paartiin Itiyoophiyaa bulchaa jiru hawaasa adunyaatti iyyatee eega gargaarsa argatee booda garuu bu’a ofiif oolfata kan jedhan Mr Rowuliins adunyaa irratti biyyoota gargaarsa misoomaa guddaa argatan keessaa Itiyoophiyaan tokko tahuu dubbatan. Bara 2008 biyyoota gargaarsa arjomuun beekaman kan akka yunaaytiid steetes, Briteen fi jarmanii irraadoolaara Biliyoona 3 argatte.

"Mootummaan Itiyoophiyaa cunqursaa hamaa gageessuun, akkuma naamuusa warraa chaayinaa ykn Maa'ootti namoota maatii shan shaniin gurmessee dura ta’aa itti ramaduun, akka inni gara dura-ta’aa gandaatti gabaasu sana boodaas, sadarkaa sadarkaan haga oliitti gabaasuutti qindeessee jira" jedhu Mr.Roowulins.

Yunivarsitii Oslo keessatti professara waa’ee mirga-dhala namaa kan ta’an Kjetii Tronvoll immoo, gargaarsi misomaa haala gaariin Itiyoophiyaa keessatti hojii irra oole jedhu. "Tajaajilli hawaasummaa kan akka eegumsa fayyaa, barnootaa babal’ata jira, ijaarsii daandilee mallaqa misoomaaf argameen hojjataman" jechuudhaan kun hojii gaarii tahuu eeran.

Kana jechuun garuu, mirga siyaasaa cunqursuun callinsaan ilaalamuu qaba jechu miti kan jedhan Tronvoll, biyyonni gargaarsa arjoomanis haala rakkisaa keessa jiru, Sababiin isaas mootummaan Itiyoophiyaa kallattiin mallaqa argame sagantaa misoomaa irra oolchaa hin jiru jedhan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG