Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Lafa Qabame Gadhiisiine jedha. ABUT moo Ofii Keenya Ba’aa Jirra Jedha


Ka magaala Laalibalaa keessa jiru bataskaana Bet Medihaaniyaalemii (Suuraa faayilii)
Ka magaala Laalibalaa keessa jiru bataskaana Bet Medihaaniyaalemii (Suuraa faayilii)

Ministeerrii dhimmootii komunikeeshinii kan Itiyoophiyaa Dr.Damissee Tulluu godiinni Walloo kaabaa humnootii weerartoota ittiin jedhan kan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) irraa walaba ba’u ibsanii jiru.

Kallatti Raayyaa Kaabaan naanoo wal qabatanii jiran, waraanni keenya eega to’atee booda jedhan, Zobiil Gurraa warqee wal qabatanii naannoon jiran walaba ba’u ibsan.

Raayyaan ittisa biyyaa humnootiin nageenyaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Afaar humna qilleensaa waliin wal ta’uun magaala guddoo Walloo kaabaa kan taatee waldiyaa, Gobiyyee, Robiit fi Qobboon walbata ta’u ibsan.

Dr. Laggasaan akka jedhanti naannoon Laalibalaa fi Mujjaatti hojiin qulqulleessuu gaggeessaa waraanni duratti tarkaanfataa jira jedhan.

Gama kaaniin dubbii himaan ABUT humnootiin isaanii bulchiinsoota naannoo ollaa ta’an keessaa ba’aa akka jiran Roytarsiif har’a ibsanii jiru.

Lafa qabannee turree keessaa ba’uuf tarkaanfii guddaan fudhatame nagaaf karaa banuu keenya jennee amanna jechuun Dr. Dabratsiyoon Gabra Mikaa’eel beeksisanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG